1Egaa Yihudiin caalmaa maalii qaba ree? Yookiis bu'aan dhagna-qabaa maali ree?
2Karaa kam iyyuu bu'aa baay'ee qaba, bu'aa kana keessaa inni caalu, sagaleen abdii Waaqayyoo Yihudootatti hadaraa kennamuu isaa ti*.
3Isaan keessaa kaan yoo hin amanamne ta'an immoo attam ta'a ree? Amanamuu dhabuun isaanii immoo amanamummaa Waaqayyoo oolchaa ree*?
4Kun raawwatee ta'uu hin danda'u; namni eenyu illee sobaa yoo ta'e iyyuu akkuma caaffanni qulqullaa'aan, ?Ati dubbii kee hundumaan dhugaa akka argatutti, yeroo si hadheessanittis akka irra aantutti? jedhu, Waaqayyo dhuga-qabeessa*.
5Garuu jal'inni keenya qajeelina Waaqayyoo mul'isuudhaaf hojjeta yoo ta'e, nuyi maal jenna ree? Waaqayyo yeroo nutti dheekkamu jal'ina hin hojjetuu ree? Kanas akka yaada namaattan dubbadha*.
6Kun raawwatee ta'uu hin danda'u! Silaa immoo Waaqayyo attamitti biyya lafaatti farada ree*?
7Garuu soba kootiin dhugaan Waaqayyoo caalaa mul'atee, ulfina kennisiisaaf yoo ta'e, maaliif ammuma iyyuu akka cubbamaatti yakki anatti muramaa jira ree?
8Yoos immoo gaariin akka dhufuuf hamaa in hojjenna hin jennuu ree? Kaan akkas jechuu isaa ti jedhanii maqaa koo balleessaniiru, isaan akkasiitti yakka muruun garuu qajeelaa dha*.
9Egaa nuyi warri Yihudootaa caalmaa qabna moo ree? Waawuu, karaa tokko illee hin qabnu; anoo kanumaan dura Yihudoonni, Yihudoota warri hin ta'in hundinuus humna cubbuu jala akka jiran mul'iseera*.
10
11
12
13
14
15
16
17
18
19Ammas seerri waanuma jedhu, warra seera jala jiranitti akka dubbatu nuyi in beekna; kanas nama hundumaa afaan qabachiisuudhaaf, guutummaa biyya lafaas firdii Waaqayyoo jala galchuudhaaf in dubbata.
20Egaa nama kan ta'e tokko illee wanta seerri nama irraa barbaadu gochuudhaan Waaqayyo duratti qajeelaa hin ta'u. Seerri cubbuun maal akka ta'e nama hubachiisa*.
21Amma garuu karaa seerichaa utuu hin ta'in, karaan namni ittiin qajeelaa ta'u Waaqayyo biraa mul'ateera; seerrii fi raajonni karaa kanaaf dhugaa ba'aniiru*.
22Namni Yesus Kristositti amanuudhaan fuula Waaqayyoo duratti qajeelaa in ta'a; kana irrattis warra amanan hundumaaf garaagarummaan hin jiru*.
23Hundinuu yakkaniiru, ulfinni Waaqayyoos isaanitti hir'ateera*.
24Isaanumti immoo ayyaana Waaqayyoo isa karaa furii Yesus Kristos tola isaaniif kennameen, qajeelota in ta'u*.
25Inni dhiiga isaa dhangalaasee du'uudhaan warra isatti amananiif mi'a araaraa haa ta'uuf, Waaqayyo isa dhaabe. Waaqayyo ofii isaa qajeelaa akka ta'e mul'isuudhaaf kana godhe; obsa isaatiinis cubbuu namoonni kanaan dura hojjetan irra darbeeraaf*.
26Bara sanaattis Waaqayyo qajeelummaa isaa argisiisuuf inni ofii isaa qajeelaa ta'uu isaa, nama Yesusitti amanus qajeelaa gochuu isaa mul'iseera.
27Egaa maaliin of jajna ree? Waan ittiin of jajnu tokko illee hin qabnu, seera maaliitiin dhabna? Akka abboommii seeraatti hojjechuudhaanii? Waawuu, akka abboommii amantiitti jiraachuudhaan malee*.
28Namni waan seerri abboomu hojjechuudhaan utuu hin ta'in, amanuu duwwaadhaan Waaqayyo duratti qajeelaa akka ta'u cimsinee in barsiifna*.
29Waaqayyo keenya Waaqayyo warra Yihudootaa duwwaa dha moo? Saba warra Yihudoota hin ta'iniifis Waaqayyo mitii ree? Eyyee, inni saba warra Yihudoota hin ta'iniif immoo Waaqayyoo dha*.
30Waaqayyo tokkicha erga ta'ee, saba Yihudootaa warra dhagna qabatan amantii isaaniitiin, saba warra kaan warra dhagna hin qabatinis amantiidhuma isaaniitiin qajeelota isaan in godhata*.
31Egaa immoo amantii kanaan seera diigna jechuu dha moo ree? Waawuu, kun raawwatee ta'uu hin danda'u, seera jabeessinee dhaabna malee*.