Gara Warra Galaatiyaa 1:1-24 GAZB1997 - Bible AI

1Ani Phaawulos, namoota biraa yookiis karaa nama tokkoo utuu hin ta'in, Yesus Kristosiin, Waaqayyo abbaa isa Kristosin du'aa kaaseen ergamee*,

2nagaa koo, nagaa obboloota anaa wajjin jiran hundumaas waldoota kristiyaanaa kutaa biyya Galaatiyaatiif nan dhi'eessa*.

3Waaqayyo abbaan keenya, gooftaan keenya Yesus Kristosis ayyaana, nagaas isiniif haa kennu*!

4Kristos akka fedha Waaqayyoo abbaa keenyaatti bara hamaa isa si'anaa kana keessaa nu baasuudhaaf jedhee, sababii cubbuu keenyaaf dabarsee of kenne*.

5Baraa hamma bara baraatti Waaqayyoof hooqubaan haa ta'u! Ameen*.[1]

6Isa karaa ayyaana Kristos isin waame irraa garagaltanii, akkas ariifattanii gara wangeela kan biraatti goruu keessaniif nan dinqifadha*.

7Wangeelli biraa illee hin jiru; garuu namoonni isin wallaalchisanii, wangeela Kristos garagalchuudhaaf barbaadan tokko jiru*.

8Haa ta'u iyyuu malee, ani yookiis ergamaan waaqa irraa tokko, wangeela isa nuyi kanaan dura isinitti himnettii kan gargar ba'e yoo isinitti hime, abaaramaa haa ta'u*!

9Akkuma ani kanaan dura dubbadhe, ammas immoo keessa deebi'ee nan dubbadha; eenyu illee wangeela isa isin fudhattanittii kan gargar ba'e yoo isinitti hime, abaaramaa haa ta'u*![2]

10Ani amma namoota moo yookiis Waaqayyoon tole jechisiisuudhaafan dubbadha ree? Yookiis namoota gammachiisuu nan barbaadaa ree? Amma iyyuu utuun namoota gammachiisee, hojjetaa Kristos hin ta'un ture*.[3]

11Ammas yaa obboloota ko! Wangeelli inni ani lallabe, waan namni of keessaa fuudhee dubbate akka hin ta'in, isinittan hima.

12Yesus Kristos anatti mul'achuu isaatiin wangeelicha nan argadhe malee, ani namattii isa hin fudhanne, namnis ana hin barsiifne.

13Amantii warra Yihudootaatti qabamee yommuun jiraachaa ture, gar-malee waldaa Waaqayyoo ari'achaa, balleessuudhaafis dhama'aa akkan ture dhageessaniittu*.

14Yihudoota akka kootii warra akka amantii warra Yihudootaatti jiran keessaa hiriyoota koo nan caalan ture; seera muka abbaa keenyaatiifis caalchisee nan hinaafan ture*.

15Waaqayyo garaa haadha kootii jalqabee na fo'achuutti ayyaana isaatiinis na waamuutti gammade*.

16Yeroo ofii jaallatettis warra saba isaa hin ta'in gidduutti isuma wangeela godhee akkan lallabuuf, ilma isaa kana yommuu anatti mul'ise, ani duraan dursee mareedhaaf gara nama foon uffatee hin dhaqne*;

17gara warra na dura ergamoota ta'aniittis Yerusaalemitti ol hin baane, garuu biyya Arabaa dhaqee Damaasqootti nan deebi'e.[4]

18Ergasii waggaa sadii turee, Phexrosii wajjin wal baruudhaaf Yerusaalemitti ol ba'een, guyyaa kudha shan isa bira ture*.

19Yaaqoobin obboleessa gooftaa irraa kan hafe, ergamoota warra kaan keessaa tokko iyyuu hin argine*.

20Kunoo, waan ani isiniif caafu keessatti hin sobu, dhugaa Waaqayyoo ti*!

21Ergasiin gara kutaa biyya Sooriyaa fi Qiliiqiyaa dhaqe.

22Waldoonni kristiyaanaa biyya Yihudaa fuula koo hin beekan turan.

23Garuu isa warri kaan, ?Namichi inni takka nu ari'achaa ture, amantiidhuma isa dur balleessuudhaaf dhama'aa ture sana lallabaa jira? jedhan duwwaa dhaga'an.

24Isaanis sababii kootiif Waaqayyoof hooqubaa dhi'eessaniiru.[5]

article>