1Ergasii waggaa kudha afur booddee, Baarnaabaasii wajjin, Tiitoosin of duukaa fudhadheetan deebi'ee Yerusaalemitti ol ba'e*.
2Akkan achitti ol ba'uuf Waaqayyo mul'ata waan anatti argisiiseef nan dhaqe; warra achi jiranitti waa'ee wangeela, isa ani warra saba Waaqayyoo hin ta'initti lallabuu, ibseen itti hime; dadhabbiin koo inni darbe, inni ammaas kan waa'ee hin baafne akka hin taanetti, warra geggeessituuttis qoofniitti himeera.
3Miiltoon koo Tiitoos iyyuu utuma nama Griikii ta'ee jiruu, akka dhagna qabatuuf hin giddisiifamne*.
4Obboloonni sobduuwwan warri karaa malee dhufan illee kana barbaadanii turan; isaan kun birmadummaa nuyi karaa Kristos Yesus qabnu gaadanii, gara garbummaatti nu deebisuudhaaf dhoksaatti nu gidduu lixan*.
5Garuu dhugaan wangeelaa akka hin tuqamnetti isiniif eeguudhaaf, nuyi battala tokko illee isaan kanaaf abboomamuudhaaf of hin laanne.
6Warri geggeessituun kun waan fedhan yoo ta'an iyyuu, Waaqayyo waan hin loogneef, anaaf garaagarummaa hin godhanne; warri geggeessituun kun isa kan kootiitti homaa hin daballe*.
7Qooda kanaa akkuma wangeela warra seera dhagna-qabaa eegan biraan ga'uun, Phexrositti hadaraa kenname, wangeela warra seera dhagna-qabaa hin eegne biraan ga'uun, anatti hadaraa akka kenname argan*.
8Isuma ergaa warra seera dhagna-qabaa eegan biraan ga'uudhaaf Phexros keessaan hojjetetu, warra saba Waaqayyoo hin ta'in biraan ga'uudhaaf immoo ana keessaan hojjete.
9Akkasumas Yaaqoob, Phexrosii fi Yohannis, warri geggeessituu ta'anii akka utubootaatti ilaalaman, ayyaana anaaf kenname hubatanii hidhata ta'uu keenya argisiisuudhaaf harka wal qabanneerra; Baarnaabaasii fi ani gara warra saba Waaqayyoo hin ta'inii akka dhaqnu, isaanis gara warra seera dhagna-qabaa eeganii akka dhaqan waliif galleerra.
10Isaan waa'ee hiyyeessota gargaaruu duwwaa akka yaadannu nutti dubbatan, anis immoo wanti ani gochuuf dhimmu isuma kana*.
11Yeroo Phexros gara Anxokiyaa dhufe garuu, hojiin isaa kan itti farachiisu waan ta'eef, ijatti ittiin nan morme.
12Jarri tokko Yaaqoob biraa utuu hin dhufin dura, inni saba Yihudoota hin ta'in keessaa warra amananii wajjin nyaachaa ture. Erga jarri kun dhufanii garuu, warra seera dhagna-qabaa eegan waan sodaateef, deebi'ee warra wajjin nyaachaa ture sanattii gargar ba'e*.
13Yihudoonni warri kaanis Yihudoota warra hin ta'inii wajjin nyaachuun balleessaa akka ta'e fakkeessanii isaa wajjin ka'an; Baarnaabaas iyyuu fakkeessaa isaanii kanaan harkifamee ture.
14Garuu dhugaa wangeelaa duukaa daandii qajeelaa irra akka isaan hin adeemne yommuun arge, hunduma isaanii duratti Phexrosiin, ?Ati Yihudii taatee, akka Yihudiitti utuu hin ta'in akka nama Yihudii hin ta'iniitti erga jiraattee, attamitti warra Yihudoota hin ta'in akka Yihudootaatti jiraachuudhaaf giddisiifta ree?? nan jedhe.
15Nuyi dhalootaan Yihudoota malee, warra Yihudoota hin ta'in warra cubbamoota miti*.
16Utuma ta'uu iyyuu namni tokko illee Yesus Kristositti amanuudhaan malee, wanta seerri isa irraa barbaadu gochuudhaan Waaqayyo duratti qajeelaa ta'ee akka hin lakkaa'amne in beekna. Nuyis wanta seerri nama irraa barbaadu hojjechuudhaan utuu hin ta'in, Kristositti amanuudhaan qajeelota taanee akka lakkaa'amnuuf, Kristos Yesusitti amanneerra; wanta seerri nama irraa barbaadu gochuudhaan namni tokko illee qajeelaa ta'ee hin lakkaa'amu*.
17Egaa nuyi karaa Kristos qajeelota taanee lakkaa'amuudhaaf yaalaa utuu jirruu, ofii keenyaa iyyuu cubbamoota taanee yoo argamne Kristos hojjetaa cubbuu ti jechuu dhaa ree? Raawwatee akkas hin ta'u!
18Garuu waanan diige deebisee yoon dhaabe, ani ofii kootii seera irra daddarbaa ta'uu koo argisiisuu koo ti.
19Ani Waaqayyoof jiraachuudhaafan karaa seeraa, seera jalaa du'e; ani Kristosii wajjin fannifameera*.
20Egaa si'achi Kristos isa ana keessaatu jiraata malee, anatu jiraata miti; jireenya ani amma fooniin jiraadhu immoo, ilma Waaqayyoo isa na jaallate, ofii isaas dabarsee isa anaaf kennetti amanuudhaan nan jiraadha*.
21Ani ayyaana Waaqayyoo gatii hin dhabsiisu; namni qajeelaa ta'ee lakkaa'amuun seeraan utuu ta'ee, yoos Kristos akkasumaan du'e kaa!