Gara Warra Galaatiyaa 3:1-29 GAZB1997 - Bible AI

1Isin yaa warra wallaalota Galaatiyaa! Fannifamuun Yesus Kristos akka waan caafamee rarraafameetti ija keessan dura ture; kana deebitanii akka wallaaltaniif eenyutu qoricha isinitti godhe*?

2Waan seerri isin irraa barbaadu gochuudhaan moo yookiis wangeela dhageessanii itti amanuudhaan hafuura qulqulluu fudhattan? Kana duwwaa isin irraa baruu nan barbaada.

3Attam akkas wallaalota taatu? Hafuura qulqulluudhaan jalqabdanii, amma immoo yaada fooniitiin raawwachuu barbaadduu ree?

4Waan baay'ee akkasii miyeeffachuun keessan wanta waa'ee hin baafneef turee ree? Waa'ee baasuu dhiisuu duwwaa yoo ta'eefoo!

5Isa seerri isin irraa barbaadu waan hojjettaniif moo yookiis wangeela dhageessanii waan itti amantaniif Waaqayyo hafuura isaa isiniif kennee, hojii aangoos isin keessatti hojjeta?[10]

6Abrahaamin yoo ilaalle, ?Inni Waaqayyoon amanate, kunis qajeelummaatti lakkaa'ameef? kan jedhu caafameera*.

7Egaa warri amanan Abrahaamiif ilmaan akka ta'an hubadhaa*!

8Waaqayyo warra saba isaa hin ta'in amantiidhaan qajeelota gochuuf akka jiru, duraan dursee caaffata qulqullaa'aa keessatti dubbachiiseera; inni Abrahaamiin, ?Sabni hundinuu siin in eebbifamu? jedhee duraan dursee misraachoo itti himeera*.

9Egaa warri amanan, Abrahaam isa amanee wajjin in eebbifamu*.[11]

10Warri waan seerri isaan irraa barbaadu hojjechuu isaanii abdatan, abaarsa jala jiru; caaffanni qulqullaa'aan, ?Namni wanta macaafa seerichaa keessatti caafame hundumaa gochuutti qabamee hin jiraanne abaaramaa dha!? in jedha*.

11Namni tokko illee hojii seeraa raawwachuudhaan Waaqayyo biratti qajeelaa ta'ee akka hin lakkaa'amne mul'ataa dha; ?Namni amantiidhaan fuula Waaqayyoo duratti qajeelaa ta'e jireenya dhugaa in argata? in jedha*.

12Seerri garuu amantii irra hin dhaabatu; haa ta'u iyyuu malee, ?Namni wanta seerichi barbaadu hojjetu ittiin in jiraata? kan jedhu caafameera*.

13Kristos immoo nuuf jedhee abaaramaa ta'uudhaan, abaarsa isa seerichi nutti fidu jalaa nu fureera; akkuma caafame, ?Namni mukatti rarraafame abaaramaa dha? in jedha*.

14Eebbi Abrahaam argate, karaa Kristos Yesus saba Waaqayyoo warra hin ta'in hundumaaf akka kennamuuf, hafuura isa Waaqayyo abdachiises amantiidhaan akka fudhannuuf Kristos nu fureera*.[12]

15Obboloota ko, waan naanna'aa keenyatti hojjetamu yoo ilaalle, dhaamsa namni du'uuf jedhu kennu, erga seeraan fudhatamee booddee, eenyu illee gatii hin dhabsiisu yookiis waa itti hin dabalu*.

16Egaa Waaqayyo Abrahaamii fi hidda isaatiif abdii kenneera; caaffanni qulqullaa'aan, akka nama baay'eedhaaf dubbatamutti ?Hiddoota? hin jedhu, akka nama tokkoof dubbatamutti ?Hidda? jedha, innis Kristos*.

17Kana jechuun koos, seerri inni waggaa dhibba afurii fi soddoma booddee kenname sun, abdii sana balleessuudhaaf, kakuu Waaqayyo duraan dursee galee ture diiguu hin danda'u, jechuu koo ti*.

18Fayyina argachuun seeratti hidhameera yoo ta'e immoo, si'achi abdii Waaqayyootti hidhamuu hin danda'u; haa ta'u iyyuu malee, Waaqayyo kennaa ayyaana isaa Abrahaamiif karaa abdii sanaa kenneef*.[13]

19Egaa seerri maaliif dhimma baasa ree? Hamma hiddi inni abdichi gara isaa ilaalu dhufutti, seerri, irra daddarbuun maal akka ta'e mul'isuudhaaf dabala ta'ee kenname; seerri ergamoota Waaqayyootiin karaa namicha isa isaaniif namoota gidduu dhaabatee kenname*.

20Inni gidduu dhaabatu illee tokkoof hin dhaabatu, Waaqayyo garuu tokko*.[14]

21Egaa seerri abdii Waaqayyo abdachiiseen in mormaa ree? Kun matumaa hin ta'u! Seerri nama jiraachisuu danda'u utuu kennameera ta'ee, seera eeguudhaan qajeelummaan in argama ture*.

22Abdiin Yesus Kristositti amanuudhaan akka argamuuf kenname, warra isatti amananiif akka raawwatamuuf, caaffanni qulqullaa'aan waan hundumaa cubbuu jalatti boojisiise*.[15]

23Utuu amantiin hin dhufin dura, hamma gaafa inni mul'ifameetti booji'amnee harka seeraa jalatti hidhamnee turre*.

24Nuyi amantiidhaan qajeelota taanee akka lakkaa'amnuuf, seerri adabduu keenya isa gara Kristositti nu geessu ture*.

25Amantiin erga dhufee garuu, nuyi si'achi harka adabduu jala hin jiraannu*.

26Amantiidhaan isin hundumti keessan karaa Kristos Yesus ilmaan Waaqayyoo ti*.

27Warri Kristositti dabalamuudhaaf cuuphamtan Kristosin akka uffataatti uffattaniittu*.

28Karaa Kristos Yesus isin hundumti keessan tokko; Yihudii yookiis Griikii; garba yookiis birmaduu, dhiira yookiis dubartii gidduu garaagarummaan hin jiru*.

29Erga kan Kristos taatanii, yoos isin sanyii Abrahaam; waan Waaqayyo abdachiises in argattu*.[16]

article>