Gara Warra Galaatiyaa 4:1-31 GAZB1997 - Bible AI

1Karaa tokko immoo, namni qabeenya abbaa isaatti darbee argachuuf jiru, qabeenya sana hundumaa irratti gooftaa yoo ta'e iyyuu, hamma ijoollummaa isaatti jirutti hojjetaa irra hin caalu;

2hamma barri abbaan isaa mureef ga'utti harka warra isa guddisanii fi, warra isa bulchuuf hadaraa itti kenname jala in tura.

3Nuyis akkasuma, hafuuraan ijoollee yeroo turretti, gurguddoota hafuurota biyya lafaa kanaatiif hojjetoota turre*.

4Barri murameef sun yeroo guutetti garuu, Waaqayyo ilma isaa erge; innis yeroo ergame dubartii irraa dhalatee, seera jala galfame*.

5Inni warra seera jala jiran furuudhaaf, nuyis ilmaan Waaqayyoo taanee akka guddifamnuuf kana godhe*.

6Isin ilmaan isaa ta'uu keessan argisiisuudhaaf, Waaqayyo hafuura ilma isaa isa, ?Abbaa, abbaa? jedhee waammatu garaa keenya keessatti erge*.

7Egaa ati si'achi karaa Waaqayyoo garbicha miti, ilma malee; erga ilma taatees qabeenya abbaa keetti darbitee argachuuf jirta*.[17]

8Isin dur utuu Waaqayyoon hin beekin, warra uumama isaaniitti waaqayyolii dhugaa hin ta'iniif akka garbaatti hojjechaa turtan*.

9Amma garuu Waaqayyoon beekuu bira erga geessanii, caalaatti iyyuu Waaqayyo biratti erga beekamtanii, attamitti immoo deebitanii hafuurota dadhaboodhaa fi of hin dandeenye kanatti garagaltanii, akka garbaatti hojjechuufii barbaaddu ree*?

10Guyyaa, baatii, buusaa baraa keessaa yeroo, waggaa tokko tokko addaan baaftanii sodaattanii in eeggattu*.

11Ani, ?Akkasumaanan isinitti dadhabe? jedhee waa'ee keessaniif nan sodaadha*.[18]

12Obboloota nana, ani dur akka keessanin ture, isinis immoo akka koo ammaa akka taataniif isin nan kadhadha; isin homaa anatti hin balleessine.

13Ani si'a jalqabaa wangeela yeroon isinitti lallabe, dhukkubsataa fi dadhabaa akkan ture isin iyyuu in beektu*.

14Egaa akki ani itti ture yoo isin qore iyyuu, isin akka ergamaa Waaqayyootti, akka Kristos Yesusitti na simtan malee, ana hin salphifne yookiis ana hin tuffanne.

15Dhageettiin yeroo sana isin gammachiise sun eessa dhaqe ree? Utuu danda'amee ija keessan of keessaa baaftanii anaaf kennuu iyyuu in jaallattu akka turtan, ani isiniif dhugaa nan ba'a!

16Ergasii immoo dhugaa isinitti dubbachuu kootiin ani diina keessan ta'ee ree?[19]

17Jarri tokko yaada isaanii baay'isanii isin irra kaa'ataniiru, garuu waan gaariidhaaf miti; isinis yaada keessan isaan irra akka kaa'attaniif, addaan isin baasuu in barbaadu*.

18Waan gaariidhaaf yaada nama irra kaa'achuun garuu, yeroo ani isin bira jiru duwwaaf utuu hin ta'in, yeroo hundumaaf isiniif gaarii dha.

19Yaa ijoollee ko, hamma Kristos isin keessatti mul'atutti, hamma isin deebitanii ijoollee koo taatanitti, ani akka dubartii deessuutti nan ciniinsifadha*.

20Amma waa'ee keessaniif waanan godhu waanan wallaaleef, utuun isin biratti argamee afaanuma kootiin isinitti dubbadhee, isin buufadhee nan hawwan ture.[20]

21Isin warri seera jala jiraachuu barbaaddan, wanta seerri jedhu immoo hin dhageessanii? Anatti himaa!

22Abrahaam ilmaan lama qaba ture; tokko dubartii garbummaa jala jiraattu irraa, tokko immoo dubartii birmaduu irraa akka godhate caafameera*.

23Inni tokko akkuma fedha foonii duwwaatti ishee garbittii irraa dhalate; inni kaan garuu abdachiifamee ishee birmaduu irraa dhalate*.

24Ammas kun fakkeenya; dubartoonni sun fakkeenya kakuu lamaanii ti. Isheen duraa isheen ijoolleen ishee garbummaa keessatti dhalatan Aggaar; isheen fakkeenya kakuu isa tulluu Siinaa irratti dhaabatee ti*.

25Aggaar isheen tulluu Siinaa isa biyya Arabaa keessa jirutti fakkeeffamte sun, fakkeenya mandara Yerusaalem ishee amma namoota ishee wajjin garbummaatti jirtuu ti.

26Yerusaalem isheen waaqa keessaa garuu birmaduu dha, isheen haadha keenya*.

27Caaffata qulqullaa'aa keessatti, ?Dubartii ishee abbaan manaa duukaa jiru caalaa, isheen abbaan manaa ?In dhabde? jedhee dhiise, ijoollee baay'ee waan qabaattuuf, ati yaa ishee dhabdee dhala hin godhatin haftee gammadi! Ati yaa ishee takkaa hin ciniinsifatinii guddisii gammaduu kee dhageessisi!? kan jedhu caafameera*.[21]

28Ammas yaa obboloota ko, akkuma Yisihaq, isinis ijoollee abdii Waaqayyoo ti.

29Haa ta'u iyyuu malee, yeroo sana inni akka fedha foonii duwwaatti dhalate, isa akka fedha hafuura Waaqayyootti dhalate akkuma ari'ate, har'as immoo akkasuma in ta'a*.

30Garuu caaffanni qulqullaa'aan maal jedha? ?Ilmi garbittittii ilma ishee birmaduu wajjin dhaala hin hirmatu waan ta'eef, garbittittii fi ilma ishee baasi!? in jedha*.

31Egaa yaa obboloota ko, nuyi ijoollee ishee birmaduu ti malee, kan ishee garbittii miti.[22]

article>