1Birmadummaatti akka nuyi jiraannuuf Kristos birmaduu nu baase; kanaaf itti jabaadhaa dhaabadhaa! Deebitaniis waanjoo garbummaa jalatti hin qabaminaa*!
2Ani Phaawulos, isin dhagna yoo of qabsiiftan Kristos homaa waa'ee akka isiniif hin baafne isinitti nan hima*.
3Namni dhagna of qabsiisu seera guutummaatti eeguun akka isa irra jiru keessa deebi'ee dhugaa nan ba'aaf.
4Isin warri seera eeguudhaan qajeelota taatanii lakkaa'amuu barbaaddan, Kristosin of irraa kuttaniittu; ayyaana Waaqayyoo irraas kuftaniittu.
5Nuyi karaa hafuura qulqulluu abdii qajeelotatti lakkaa'amu amantii keessaa eeggachaa jirra*.
6Kristos Yesusiif amantii jaalalaan hojjetutu gatii qaba malee, dhagna qabachuu yookiis dhagna qabachuu dhiisuu miti*.
7Isin gaarii gootanii dubbii dhugaa duukaa bu'aa turtan; amma garuu dhugaadhaaf akka hin abboomamneef eenyutu isin dhowwe ree*?
8Dhugaadhaaf akka hin abboomamneef sababii kan isinitti ta'e Waaqayyo isa isin waame miti*.
9Raacitiin xinnoon ishee guutummaa bukichaa in bokoksa*.
10Ani immoo karaa gooftaa isin waan tokkoon anattii yaadaan gargar akka hin baane nan amanadha; eenyu iyyuu yoo isin raase adaba isaaf ta'u in argata*.
11Garuu obboloota ko, amma iyyuu seerri dhagna-qabaa akka eegamu utuun nan lallaba ta'ee, hamma ammaatti iyyuu maaliifan ari'atama ree? Yoos fannoon Kristos namootatti gufuu ta'uun isaa in hafa ture*.
12Namoonni warri isin raasan kunis utuu xu'aashii of godhanii in wayya ture.
13Obboloota ko, isin birmadummaadhaaf waamamtanoo, jaalalaan waliif ergamaa malee, birmadummaan keessan yaada fooniitiif karaa hin kennin*!
14Guutummaan seeraa dubbii tokkicha isa, ?Nama akka ofii keetiitti jaalladhu!? jedhuun in xumurama*.
15Isin garuu yoo wal ciniintan, yoo wal nyaattanis akka wal hin fixnetti eeggadhaa!
16Ani garuu, ?Hafuuraan geggeeffamaa jiraadhaa malee, fedha foonii hin raawwatinaa!? nan jedha*.
17Fedhi foonii hafuuraan in morma; hafuurris fooniin in morma; isin waanuma jaallattan akka hin gooneef, isaan kun lamaan waliin in mormu*.
18Hafuurichaan yoo geggeeffamtan garuu, isin seericha jala hin jirtan*.
19Hojiin foonii mul'ataa dha. Isaanis halalummaa, xuraa'ummaa, jireenya gad-dhiisii*,
20waaqayyolii tolfaman waaqessuu, qoricha namatti gochuu, diinummaa, qoccolloo, hinaaffaa, dheekkamsa, ofittummaa, yaadaan gargar ba'uu, barsiisaan gargar cabuu*,
21weennoo, machii, albaadhummaa, wanta kana fakkaatus. Akkuma ani kanaan dura isinitti himee ture, warri wanta akkasii hojjetan mootummaa Waaqayyootti galuu akka hin dandeenye ammas isinitti nan hima*.
22Iji hojii hafuuraa immoo, jaalala, gammachuu, nagaa, obsa, gaarummaa, arjummaa, amanamummaa*,
23garraamummaa dha, of dhowwuu dhas; egaa seerri isaan kanaan mormu hin jiru*.
24Warri kan Kristos Yesus ta'an immoo yaada foonii, hawwa isaa, fedha isaas fannisaniiru*.
25Nuyi jireenya hafuuraatti yoo jiraanne, hafuura kana duukaa bu'uu keenya*.
26Egaa kottaa of-dhiibduu, walitti naqxuu, walitti hinaaftuu ta'uu in dhiifnaa*!