1Yaa obboloota ko, namni tokko utuu itti hin yaadin cubbuu kamitti illee yoo kufe, isin warri hafuuraan geggeeffamtanii jiraattan, hafuura garraamummaatiin akka isaa duriitti isa deebisaa! Garuu isinumti iyyuu akka hin qoramnetti of eeggadhaa*!
2Ba'aa walii baadhaa! Akkasittis seera Kristos in raawwattu*.
3Namni waanuma tokkoof dhimma kan hin baafne ta'ee utuu jiruu, nama dhimma baasu yoo of se'e, inni of in gowwoomsa*.
4Namni adduma addaan hojii ofii isaa qoree haa ilaalu! Yoos yaaduma ofii isaatii duwwaadhaan of jajuu isaa malee, namni biraa akka isa hin jajanne arguuf jira*.
5Namni adduma addaan waan ofii isaatii baatu qaba*.
6Namni dubbii wangeelaa baruutti jiru, wanta gaarii ofii isaatii qabu hundumaa barsiisaa isaa wajjin haa hirmatu*!
7Waaqayyo kan itti ga'isan miti'o, hin gowwoominaa! Namni immoo waanuma facaase in galfata*.
8Namni akka yaada foon isaatiitti facaasu, yaada foon isaatii sana irraa badiisa in galfata; akka yaada hafuuraatti kan facaasu immoo yaada hafuuraa irraa jireenya bara baraa in galfata*.
9Yeroo isaatti humna utuu hin dhabin galfachuuf waan jirruuf, ammas kottaa wanta gaarii ta'e gochuutti hin laafnu*!
10Egaa akkuma fucha argannetti, kottaa nama hundumaaf, addumaan immoo warra amantii keessa jiraniif, gaarii in hojjenna*!
11Kunoo, amma fidala gurguddaadhaan harka kootiin isiniif caafuu kootii ilaalaa!
12Wanta namummaa namaa irratti alaan mul'atu argisiisuu warri barbaadan, akka isin dhagna qabamtaniif isin in giddisiisu; isaan fannoo Kristosiif akka hin ari'atamne duwwaadhaaf kana in godhu*.
13Warri seera dhagna-qabaa duukaa bu'an iyyuu seera hin eegan; haa ta'u iyyuu malee, isaan waan namummaa keessan irratti mul'atu kanaan of jajuu duwwaadhaaf dhagna qabachuu keessan barbaadu*.
14Ani garuu fannoo gooftaa keenya Yesus Kristos isa ittiin biyyi lafaa ana irraa fannifame, anis biyya lafaa jalaa fannifame sanaan malee, waan biraatiin of jajuun matumaa anaaf hin ta'u*.
15Uumama haaraa ta'uutu lakkaa'ama malee, dhagna qabachuun yookiis dhagna utuu hin qabatin hafuun waan tokkotti hin lakkaa'amu*;
16nagaanii fi araarri warra akka karaa haaraa kanaatti deddeebi'an irra, Israa'el Waaqayyoo irras haa jiraatu*!
17Egaa ani godaannisa madaa isa Yesus qaba ture namummaa koo irraa waanan qabuuf, si'achi namni tokko iyyuu ana hin rakkisin*!
18Ayyaanni gooftaa keenyaa Yesus Kristos hafuura keessanii wajjin haa ta'u, yaa obboloota ko. Ameen*.