1Yaa Waaqayyo, ati maaliif achi fagaattee dhaabatta?Yeroo rakkinaattis maaliif of dhoksita*?
2Warri jal'oonni of bokoksaniiwarra rakkatoo sardanii in ari'u;isaan yaada namatti qopheessanii fidaniinofii isaaniitii haa qabaman.
3Namni jal'aan kajeellaagaraa isaatiin of in jaja,inni bu'aa argachuuf in saama iyyuu dha;in abaara, Waaqayyoonis in tuffata.
4Namni jal'aanof koorsuu isaatiin yaada isaa guutuudhaan,?Waaqayyo nama hin adabu,Waaqayyo hin jiru? in jedha*.[27]
5Karaan isaa yeroo hundumaatti wal in qixxaataaf,firdiin kee isa irraa ol fagoo dha,warra isaan mormanitti immootuffiidhaan itti in qumaada*;
6inni garaa isaatti, ?Ani matumaa hin mittiqu,dhaloota hundumaa keessattis wanti hamaanana hin argatu? jedhee in yaada*.[28]
7Dubbii afaan isaa keessaa ba'u keessa,abaarsa, wallaalchisa, gad nama qabuutu guute;arraba isaa jala jal'inaa fi hamminatu jira*.
8Gandeen keessa riphee in taa'a,iddoo dhokannaatti immoowarra yakka hin qabne in ajjeesa,ija isaatiinis warra rakkataniiof gargaaruu dadhaban in gaada.
9Inni akka leenca caakkaa gobbuu keessaatti,dhokatee in eeggata;inni nama rakkataaqabaa isaa keessa galfachuudhaaf in eeggata;kiyyoo isaatiin harkiseesisa rakkataa sana in qabata.[29]
10Inni rakkatee of gargaaruu dadhabe suniscaccabee walitti in gala,humna harka isa qabe sanaanis in kuffifama.
11Yommus namni jal'aan sun garaa isaa keessatti,?Waaqayyo isa irraanfateera,fuula isaas isa duraa dhokseera,deebi'ees matumaa isa hin argu?jedhee in yaada*.[30]
12Ka'i yaa Waaqayyo, yaa gooftaa harka ol fudhadhu!Warra rakkatan hin irraanfatin*!
13Inni jal'aan maaliif Waaqayyoon tuffata?Maaliifis garaa isaatti,?Ati nama hin adabdu? siin jedha ree?[31]
14Atoo in argita, eyyee,ati rakkinaa fi gadda in caqasta,waan gochuun ta'us ati harka keetti qabatteetta;inni rakkatee of gargaaruu dadhabeskana sitti in kennata;ati gargaaraa warra abbaan irra hin jirree taateetta*.
15Ati irree isa jal'aa fiirree isa hamaa godhu cabsi,jal'ina isaa duukaa bu'ii adabi,deebi'ees akka inni hin argamne godhi*!
16Waaqayyo yeroo hundumaa, baruma baraanis mootii dha,sabni warri kan isaa hin ta'inbiyya isaa irraa in badu.[32]
17Yaa Waaqayyo, atihimata warra gadadamoo in dhageessa,garaa isaanii in jajjabeessita,gurra kees gara isaaniitti in qabda*;
18kanaanis warri abbaan irra hin jirree fiwarri gad qabaman qabaa qajeelaa akka argatannamni lafa kanaa deebi'eepherpherama akka hin fidne in goota.[33]