1Yaa guutummaa biyya lafaa, Waaqayyotti gammaduu kee guddisii dhageessisi!
2Waaqayyoof gammachuudhaan hojjedhaa, ililleedhaanis gara fuula isaa dura kottaa!
3Gooftichi Waaqayyo akka ta'e beekaa! Isatu nu uume, nuyi immoo kan isaa ti; nuyi saba isaa ti, hoolota tika isaa jala jirruu dha*![346]
4Galata galchuudhaan gara balbala kellaa isaatti, jajuudhaanis gara oobdii isaatti ol galaa! Isaaf galata galchaa, maqaa isaas eebbisaa!
5Waaqayyo gaarii dha'o, gaarummaan isaa bara baraan, amanamummaan isaas dhalootaa hamma dhalootaatti achuma jira*.[347]