1Waa'ee gaarummaa, waa'ee firdii dhugaa nan weeddisa, sagalee mi'aa dhageessisuudhaanis sin faarfadha, yaa Waaqayyo.
2Ati yoom gara koo dhufta? Waa'ee jireenya balleessaa hin qabnee nan yaada, mana koo keessas garaa balleessaa hin qabneen nan jiraadha;
3wanta gadhee ija koo dura kaa'ee hin taa'u, irra-daddarbaa nan jibba, akka maxxannee anatti hin qabatu.
4Yaadni micciiramaan garaa koottii haa fagaatu, waa'ee wanta hamaa beekuu isaa iyyuu hin barbaadu.
5Dhoksaatti nama kan hamatu, lammaffaa akka hin dubbanne nan godha; nama waan guddaatti of ilaaluuf, nama of bokoksuufis ani obsuu hin danda'u.
6Iji koo gara warra Waaqayyoof amanamanii biyya keessa taa'anii jira, isaan anaa wajjin haa jiraatan; namni karaa warra balleessaa hin qabne irra deddeebi'u, anaaf haa hojjetu!
7Namni haxxummaadhaan hojjetu, mana koo keessa hin jiraatu, namni soba dubbatu ija koo dura hin dhaabatu.
8Namoota hamaa hojjetan hundumaa mandara Waaqayyoo keessaa balleessuudhaaf, ganama ganama jal'oota biyya keessa jiran hundumaa lammaffaa akka hin dubbanne nan godha*.[348]