1 Yaa Waaqayyo, kadhata koo anaaf dhaga'i, iyyati koos si bira anaaf haa ga'u!
2 Guyyaa rakkina kootti, ati fuula kee achi ana irraa hin qabatin! Gurra kee gara kootti qabi, yeroo ani si waammadhuttis, dafii anaaf deebisi*![349]
3 Barri koo akka aaraatti in darba, lafeen koos akkuma iddoo ibiddaa in guba;
4 garaan koo madaa'ee akka margaa waan collageef, buddeena koo nyaachuu nan dadhaba.
5 Sababii ani guddisee aaduuf, foon koo lafee kootti goge.
6 Ani haadha-gaayyee ishee lafa onaa keessaa nan fakkaadhe, akka hurunguu lafa waa diigamees nan ta'e.
7 Akkuman ilaaletti nan bula, ani akka simbira kopha-galeettii ishee bantii manaa irra jirtuu ti.
8 Diinonni koo guyyaa hundumaa anatti ga'isan, warri na doorsisanis maqaa koo maqaa abaarsaa godhatan.
9 Ani daaraa akka buddeenaatti nan nyaadhe, imimmaanis waanan dhugutti nan makadhe.
10 Aarii kee fi dheekkamsa kee irraa kan ka'e, ati ol fuutee gad na darbatteetta.
11 Guyyoonni koo akka gaadidduu gabaabbachaa adeemuu ti, anis akka margaa nan coollaga.
12 Ati garuu yaa Waaqayyo, bara baraan teessoo kee irra jirta, seenaan kees dhalootaa hamma dhalootaatti in yaadatama.
13 Ati in kaata, Xiyooniifis garaa in laafta, yeroon dhaaba sanaa waan ga'eef, yeroon kun yeroo ati araara isheetti argisiiftuu dha.
14 Garboota keetiif dhagoonni ishee iyyuu gatii qabu, hurraa'aan isaas garaa isaanii in moogessa.
15 Yommus sabni lafa irraa maqaa Waaqayyoo, mootonni lafaa hundinuus, ulfina kee in sodaatu.
16 Waaqayyo Xiyoonin deebisee yommuu ijaaru, ulfina isaatiin in mul'ata*.
17 Inni gara kadhata warra harka duwwaa hambifamaniitti in gara gala, himata isaaniis hin tuffatu*.[350]
18 Sabni amma illee hin dhalatin jiru goofticha akka jajatutti, kun dhaloota dhufuuf haa caafamu.
19 Waaqayyo iddoo isaa isa qulqulluu ol gara irraa sanaatii gad in ilaala, bantii waaqaa keessaas gara lafaa in ilaala.
20 Inni aadnaa warra hidhamanii dhaga'uu, warra du'i itti murames gad dhiisisuu in barbaada*.
21 Namoonni maqaa Waaqayyoo Xiyoon keessatti, jajuu isaas Yerusaalem keessatti in labsu.[351]
22 Kunis yeroo sabni hundinuu walitti qabaman, mootummoonnis Waaqayyoof hojjechuudhaaf wal ga'anii dha*.[352]
23 Utuu ani iddoo hin ga'in, inni humna koo cabseera; bara koos gabaabseera.
24 Ani immoo, ?Yaa Waaqayyoo ko, yaa isa waggoonni kee dhalootaa gara dhalootaatti darbanii, walakkaa bara kootiitti ana hin fudhatin!? nan jedhe*.[353]
25 Bara duriitti ati hundee lafaa in keesse, bantiiwwan waaqaas hojii harka keetii ti.
26 Isaan baduuf jiru, ati garuu haftee in jiraatta; isaan hundinuu akka uffataa in ciccitu, ati akka uffataatti baaftee isaan in gatta, isaanis in dhidhimu!
27 Ati garuu isuma sana, waggoonni kees dhuma hin qaban*.
28 Ijoolleen garboota keetii mana godhatanii in taa'u, sanyiin isaaniis fuula kee duratti jabaatanii in dhaabamu.[354]
Bible Society of Ethiopia