MACAAFA FAARFANNAA 103:1-22 GAZB1997 - Bible AI

1Waaqayyoon ulfinaan jajadhu, yaa lubbuu ko, keessi namummaa koo guutummaatti maqaa isaa isa qulqulluu haa eebbisu!

2Waaqayyoon ulfinaan jajadhu, yaa lubbuu ko, wanta gaarii inni godhe hundumaas hin irraanfatin*!

3Inni yakka kee siif in dhiisa, dhukkuba kee hundumaattiis si fayyisa*;

4Jireenya kee awwaalamuu in oolcha, gaarummaa fi oo'a si gonfa*;

5inni jireenya kee waan gaariidhaan in quufsa, dargaggummaan kees haara'ee akka joobiraa in taata*.[355]

6Waaqayyo qajeelummaa in hojjeta, warra cunqurfamaniifis firdii qajeelaa in baasa.

7Inni karaa hojii isaa Museetti, gocha isaas ijoollee Israa'elitti in beeksise*.

8Waaqayyo oo'a-qabeessaa fi araara-qabeessa, aariitti suuta in jedha, gaarummaan isaas guddaa dha*.

9Inni si'a hundumaa dubbii gad hin kota'u, bara baraanis akka dheekkametti hin hafu*!

10Akka cubbuu keenyaatti nu irratti hin hojjetu, akka yakka keenyaattis nutti hin deebisu.

11Bantiiwwan waaqaa lafa irraa fagaachuun isaanii guddaa akka ta'e, gaarummaan Waaqayyoos akkasuma warra isa sodaataniif guddaa jabaa dha*.

12Ba'i-biiftuu lixa-biiftuutii akka fagaatu, innis irra-daddarbaa keenya nuttii in fageessa;

13abbaan ijoollee isaatiif akka garaa laafu, Waaqayyos akkasuma warra isa sodaataniif garaa in laafa*.

14Akka nuyi itti hojjetamne inni in beeka, biyyoo ta'uu keenyas in yaadata*.[356]

15Barri namaa akkuma margaa ti, akka daraaraa bakkees in daraara;

16yeroo qilleensi itti qilleensa'u, inni achii in dhabama; iddoon isaas deebi'ee hin beekamu.

17Gaarummaan Waaqayyoo garuu baraa hamma bara baraatti, warra isa sodaataniif, qajeelummaan isaas ijoollee ijoollee isaaniitiif itti in fufa*;

18warra kakuu isaa eeganii, abboommii isaa raawwachuudhaaf yaadataniifis in ta'a.[357]

19Waaqayyo teessoo isaa bantiiwwan waaqaa keessa dhaabbateera, mootummaan isaas waan hundumaa irratti gooftummaa qaba.

20Isin ergamoonni isaa warri waaqa irraa, isin jagnoonni jajjaboonni warri sagalee dubbii isaa dhaggeeffattanii, ajaja isaa raawwattan, Waaqayyoon ulfinaan jajadhaa!

21Isin macci isaa hundinuu, isin hojjetoonni isaa warri fedha isaa gootan, Waaqayyoon ulfinaan jajadhaa!

22Wanti inni uume hundinuu, mootummaa isaa keessaa iddoo hundumaatti, Waaqayyoon ulfinaan jajadhaa! Waaqayyoon ulfinaan jajadhu, yaa lubbuu ko!

rticle>