22Yeroo biiftuun baatu immooisaan iddoo isaaniitti in deebi'u,mann'ee isaanii keessas in ciciisu.
23Namni immoo gara jiruu isaatti in ba'a,hamma galgalaattis hojii isaatti in dadhaba.[360]
24Yaa Waaqayyo, wanti ati hojjettemaal maal baay'ee dha!Wanti ati uumte laficha guuteera;isaan kana hundumaas ati ogummaadhaan hojjette*.
25Kunoo, galaanni guddaanii fi bal'aan achi jira,bineensonni xinnaa fi guddaan,wanti lakkoobsa hin qabneisa keessa in munyuuqa.
26Isa keessa markaboonni in adeemu,lewaataan bineensi akka jawweeinni ati achi keessa haa taphatuuf tolchiteachi jira*.[361]
27Soora isaanii yeroo ta'utti akka isaaniif laattuuf,isaan kun hundinuu si biraa in eeggatu.
28Yeroo ati isaaniif laattu,isaan walitti in qabatu;yeroo ati harka kee diriirsituuf,isaan wanta gaarii in quufu*.
29Yeroo ati isaan irraa achi gara galtu,isaan na'anii abdii in kutatu;yeroo ati hafuura isaan baafatan keessaa fuutu,isaan in du'u, deebi'aniis biyyoo in ta'u*.
30Yeroo ati hafuura kee itti ergitu immoo,isaan in uumamu;ati immoo irra-lafaa in haaressita*.[362]
31Ulfinni Waaqayyoo bara baraan haa jiraatu,Waaqayyo waan hojjetetti haa gammadu!
32Inni ilaalchaan lafa in rom'isiisa,tuquu isaatiinis tulloota keessaa aarri in ba'a.
33Ani jireenya koo guutuu Waaqayyoof nan weeddisa,hamman jiruttis sagalee mi'aa dhageessisee,Waaqayyoon nan faarfadha.
34Gad fageessee itti yaaduun kooisatti kan tolu haa ta'u!Ani Waaqayyotti nan gammada.
35Cubbamoonni lafa irraa haa dhuman,jal'oonnis si'achi hin argamin!Yaa lubbuu ko Waaqayyoon ulfinaan jajadhu!Waaqayyoon jajadhaa!