MACAAFA FAARFANNAA 105:1-45 GAZB1997 - Bible AI

1Waaqayyoon galateeffadhaa, maqaa isaa waammadhaa, gocha isaas saba hundumaa keessatti beeksisaa*!

2Isa faarfadhaa, sagalee mi'a faarfannaatiin isa jajadhaa, waa'ee hojii isaa isa dinqisiisaa hundumaas himaa!

3Maqaa isaa isa qulqulluudhaan of jajaa, garaan warra Waaqayyoon barbaadanii haa gammadu!

4Waaqayyoon, aangoo isaas qoradhaa, yeroo hundumaa fuula isaa barbaaddadhaa*!

5Hojii dinqisiisaa inni hojjete, milikkita inni argisiises, firdii inni kennes yaadadhaa!

6Isin sanyiin hojjetaa isaa Abrahaam, isin ilmaan Yaaqoob warri isaaf fo'amtan kana yaadadhaa![363]

7Inni Waaqayyo gooftaa keenya, firdiin isaa lafa hundumaa in qaqqaba.

8Inni kakuu isaa bara baraan, dubbii abboommii isaas hamma dhaloota kumaatti in yaadata*;

9kakuu Abrahaamiif kakate, isa Yisihaqiif wareeges in yaadata*;

10kun Yaaqoobiif seerrata, Israa'eliif kakuu bara baraa akka ta'uuf cimsee in dhaabe;

11Waaqayyo, ?Ga'aa dhaala sanyii keetii akka ta'uuf, biyya Kana'aan siif nan kenna? jedhe*.[364]

12Yeroo sana lakkoobsi namoota isaanii hin baay'anne, isaan muraasa, orma biyya sanatti galanii dhas.

13Saba tokko keessaa gara saba kaaniitti, mootummaa tokko keessaas gara warra kaaniitti in daddarbu turan.

14Waaqayyo, namni tokko illee akka isaan cunqursu hin goone, inni isaaniif jedhee mootota iyyuu ifatee*,

15?Warra ani dibee moosise hin tuqinaa, raajota koo irrattis hamaa hin hojjetinaa!? jedhe.[365]

16Inni biyyicha irratti beela buuse, qodaa isaaniis hundumaa cabse, buddeena isaan dhabsiise.

17Garuu fuula isaanii dura nama tokko ergeera, innis Yoseef isa garbicha ta'ee gurguramee dha*;

18miilla isaa funyoo sibiilaatiin miidhaniiru, ofii isaatiis hidhaa sibiilaatti gale;

19hidhamuun isaas wanti inni jedhe hamma raawwatamutti, dubbiin Waaqayyoos hamma dhugaa baasuufitti ture.

20Mootichi ergee gad isa in dhiisise, inni saba baay'ee irratti mo'es akka inni hiikamu in godhe;

21mana isaa irratti gooftaa, qabeenya isaa hundumaa irrattis abboomaa isa godhate;

22gurguddoota biyya isaa akkuma yaadetti haa gorsuuf, maanguddoota biyya isaas ogummaa haa barsiisuuf isa dhaabe.[366]

23Israa'el biyya Gibxi dhaqe, Yaaqoob biyya Kaamitti galaa ta'e*.

24Waaqayyo immoo sabni isaa baay'isee akka wal horu, diinota isaa caalaas akka jabaatu in godhe*.

25Warri Gibxi saba isaa akka jibbaniif, hojjetoota isaas haxxummaadhaan akka qabaniif, inni yaada isaanii in geddare.[367]

26Yommus Waaqayyo, Musee hojjetaa isaa, Aaron isa fo'ates in erge*;

27isaan namoota keessatti milikkita isaa, biyya Kaamittis dinqii isaa in argisiisan.

28Inni dukkana itti ergee, lafa dukkaneesse, isaan garuu dubbii isaatiin in morman.

29Bishaan laga isaanii hundumaa dhiigatti diddiiree, qurxummiin isaanii hundinuus akka du'an godhe;

30fatteen lakkoobsa hin qabne biyya isaanii irra yaa'e, lafa bultii mootii isaanii iyyuu in ga'e.

31Inni dubbannaan gurmuun qarxaasaa, bookeenis lafa isaanii irratti in dhufe;

32inni qooda bokkaa cabbii kenne, ibidda boba'aas biyya isaaniitti in bobeesse.

33Waynii isaaniitii fi harbuu isaanii in balleesse, muka biyya isaaniis in caccabse;

34inni dubbannaan hawaannisi, korophisi lakkoobsa hin qabnes in ba'an;

35biqiltuu lafa isaanii hundumaa in nyaatan, wanta qotiisa isaanii irraa argamus in fixan.

36Biyya isaanii keessaa angafa hundumaa, humna isaanii isa jalqabaa hundumaas in rukute*.[368]

37Warri Israa'el immoo meettiidhaa fi warqee fudhatanii akka ba'an godhe; gosa isaanii keessaas namni tokko illee laafee hin kufne*.

38Warri Gibxi baay'isanii waan isaan sodaataniif, ba'anii adeemuu warra Israa'elitti in gammadan.

39Waaqayyo isaan golguuf duumessa, halkan isaaniif ibsuufis ibidda in kaa'eef*.

40Gaafachuu isaanii irratti inni dimbiriqqee isaaniif fide, buddeena waaqa irraatiinis isaan in quufse*.

41Inni kattaa bane, bishaanis keessaa in ba'e, akkuma lagaatti lafa gogaa keessa yaa'e*.

42Innoo dubbii isaa isa qulqulluu, isa Abrahaam hojjetaa isaatti dubbate yaadateera*.[369]

43Sabni isaa gammachuudhaan, warri isaaf fo'amanis sagalee gammachuu dhageessisuudhaan akka ba'an godhe.

44Biyya saba lafa irraa isaaniif kenne, wanta sabni warri kaan itti dadhabanii argatanis akka of harka galfatan in godhe*;

45kunis isaan seerrata isaa akka fudhataniif abboommii isaas akka eeganiif ta'e; Waaqayyoon jajadhaa![370]

rticle>