MACAAFA FAARFANNAA 106:1-48 GAZB1997 - Bible AI

1Haaleluyaa! Waaqayyo gaarii waan ta'eef, gaarummaan isaas bara baraan waan jiraatuuf, isaaf galata galchaa*!

2Hojii Waaqayyoo isa aango-qabeessa eenyutu himuu danda'a? Jajuu isaas hundumaa eenyutu dhageessisa*?

3Warri wanta qajeelaa ta'e eegan, warri yeroo hundumaa qajeelummaadhaan hojjetanis haa gammadan![371]

4Yaa Waaqayyo, faara tolaa isa saba keetti argisiiftuun na yaadadhu, fayyisuu keetiinis kottuu na ilaali!

5Barakata warra siif fo'amanii argee akka garaan na ciisu, gammachuu saba keettis akkan gammadu, warra dhuunfaa kee wajjinis akkan of jaju anaaf godhi!

6Akkuma abboota keenyaa nus cubbuu hojjenneerra, balleessineerra, jal'inas raawwanneerra*.

7Abboonni keenya biyya Gibxi yeroo turan, hojii kee isa dinqisiisaa hin hubanne; galaana diimaa isa jajjaba qabu biratti isa hundumaa gara irraa jiru irratti ka'an malee, baay'ina gaarummaa isaa hin yaadanne*.

8Haa ta'u iyyuu malee, inni hojii isaa isa aango-qabeessa beeksisuudhaaf, maqaa isaatiif jedhee isaan in oolche.

9Inni galaana diimaa in ifate, galaanichis in goge; isa gad fagoo sana keessas akka lafa duwwaa keessaatti isaan in adeemsise.

10Akkasitti harka warra isaan jibbanii isaan oolche, humna diina isaanii jalaas isaan fure.

11Kanaaf bishaanichi hamajaajii isaanii of jala aanse, isaan keessaas tokko illee hin hafne*.

12Kana irratti warri kan isaatii dubbii isaa in amanan, jajuu isaas in faarfatan*.[372]

13Garuu isaan dafanii wanta inni godhe in irraanfatan, gorsa inni kennus hin eegganne.

14Lafa duwwaa keessatti kajeellaan cimaan isaan in qabate; lafa onaa keessattis Waaqayyoon in qoran*.

15Inni waan isaan barbaadan in kenneef, garuu dhukkuba isaan golgoleessu isaan keessatti erge.[373]

16Namoonni iddoo buufataa sanatti Museetti, Aaron isa Waaqayyoof qulqullaa'ettis in hinaafan*;

17lafti afaan banee Daataanin in liqimse, warra garee Abiiraamis in awwaale.

18Garee isaan irratti immoo ibiddatu boba'e, arrabni ibiddichaas warra jal'oota in gube*.[374]

19Isaan tulluu Horeebitti jabbii hojjetatan, bifa baqfame sanattis in sagadan.

20Isaan ulfina Waaqayyo isaanii, bifa sangaa marga dheeduutti diddiiran

21Waaqayyoon isa isaan oolche, isa biyya Gibxitti wanta gurguddaa hojjete in irraanfatan.

22Inni hojii dinqisiisaa biyya Kaam keessatti, wanta sodaachisaas galaana diimaa biratti in hojjete.

23Waaqayyo isaan balleessuuf jedhee ture; Museen inni Waaqayyo fo'ate sun garuu, dheekkamsa isaa jara balleessuu irraa deebisuudhaaf, gidduu lixee fuula isaa dura in dhaabate*.[375]

24Yommus isaan abdii inni kenneef waan hin amaniniif, biyya isa namatti tolu sana in tuffatan*.

25Isaan godoo godoo isaanii keessatti in guunguman, sagalee Waaqayyoos dhaggeeffatanii hin abboomamne.

26Kanaafis inni harka ol fudhatee, lafa duwwaa keessatti isaan kukkufisuufis itti kakate.

27Sanyii isaanii saba warra kaan keessatti gad darbachuudhaaf, guutummaa biyya lafaa irras isaan bittimsuudhaaf irratti dubbate*.[376]

28Isaan, ?Ba'aal Phe'or? Waaqayyo tolfamaadhaaf sagaduutti qabaman, aarsaa waaqayyolii du'oodhaaf dhi'aates in nyaatan*.

29Isaan hojii isaaniitiin tuttuqanii goofticha waan aarsaniif, dha'ichi isaan irra in bu'e.

30Yommus Finehaas ka'ee gidduu lixee namoota irratti firdii raawwate; dha'ichi sunis in ittifame.

31Kunis dhalootaa hamma dhalootaatti, bara baraan qajeelummaatti isaaf in lakkaa'ame*.[377]

32Isaan bishaan Mariibaa biratti goofticha in aarsan; sababii isaaniitiifis dubbiin gadheen Musee irratti in dhufe*.

33Isaan akka inni keessa ba'ee isatti hadhaa'u waan godhaniif, innis dubbii hin alalfatamin dubbate.

34Akka Waaqayyo isaan abboome, isaan saba warra kaan lafa irraa hin balleessine.

35Garuu saba lafa irraa wajjin wal makan, waan isaan hojjetanis hojjechuu in baran.

36Waaqayyolii tolfamoo isaaniif in hojjetan, kunis kiyyoo isaanitti ta'e*.

37Isaan ilmaan isaanii, intaloota isaaniis aarsaa godhanii, hafuurota hamootaaf in dhi'eessan*.

38Dhiiga ilmaan isaanii fi intaloota isaanii, waaqayyolii tolfamoo warra Kana'aaniif aarsan, dhiiga warra balleessaa hin qabnee in dhangalaasan; biyyichis dhiigaan in xureeffame*.

39Akkasitti hojii isaaniitiin xuraa'oo ta'an, gocha isaaniitiinis amanamummaa in dhaban.[378]

40Yommus dheekkamsi Waaqayyoo saba isaa irratti in boba'e, warra dhunfaa isaatiis ijaan ilaaluu isa jibbisiise.

41Warri isaan jibban isaan irratti akka mo'anitti, inni harka saba lafa irraatti dabarsee isaan in kenne.

42Diinonni isaanii isaan in cunqursan, harka isaanii jalas in galfaman.

43Inni yeroo baay'ee isaan oolche, isaan garuu maree isaatiin mormanii, yakka isaanii keessas gad in fagaatan.

44Haa ta'u iyyuu malee, yeroo iyya isaanii dhaga'etti, inni rakkina isaanii in ilaale.

45Inni kakuu isaa isaaniif in yaadate, akka baay'ina gaarummaa isaattis isaaniif in gadde.

46Warri isaan booji'an iyyuu, akka isaaniif oo'an in godhe*.[379]

47Nuyi maqaa kee isa qulqulluu akka galateeffannuuf, warra si jajatan ta'uu keenyaafis akka of himnuuf, yaa Waaqayyo gooftaa keenyaa, ati nu oolchi, saba lafa irraa keessaas walitti nu sassaabi*![380]

48Waaqayyo gooftaan inni kan Israa'el, bara baraa hamma bara baraatti ulfinaan haa jajamu! Namoonni hundinuus ?Ameen!? haa jedhan! Waaqayyoon jajadhaa!

rticle>