7Waaqayyo iddoo isaa isa qulqullaa'aa keessaa dubbatee,?Ani guddisee itti nan gammada,Sheekem kutaa biyyaa nan hira,dachaa Suukootis safaree gargar nan hira.
8Biyyi Gili'aad kan koo ti, biyyi Minaasees kan koo ti;biyyi Efreem gonfoo sibiilaaisa ani mataa koo ittiin eeggachuuf kaa'adhuu dha;biyyi Yihudaa siiqqee mootummaa kootii ti.
9Biyyi Mo'aab caabii dhiqannaa kootii ti,biyyi Edoom kan koo ta'uu isaa argisiisuudhaaf,kophee koo isa irra nan buusa;biyya Filisxiyaa irratti mo'uu kooguddisee nan dhageessisa? jedhe.
10Gara mandara naannoon isaadallaa dhagaatiin marfameetti,eenyutu na fida ree?Eenyutus gara Edoomitti na geessa ree?
11Yaa Waaqayyo, nu gatteetta mitii?Ati yaa Waaqayyo,loltuu keenyaa wajjinis lafa duulaatti hin baatu,