MACAAFA FAARFANNAA 11:1-7 GAZB1997 - Bible AI

1Anoo Waaqayyotti kooluu galeera, isin attamitti, ?Akka allaattii tulluu keetti ol baqadhu!? anaan jechuu dandeessu ree?

2Kunoo warri jal'oonni, dukkana keessa warra gara-qajeelotatti gad dhiisuudhaaf, iddaa dabsataniiru, xiyya isaaniis ribuutti kaa'ataniiru.

3Wanti gaarii ta'ee namaaf hojjetu hundinuu hundeen isaa yoo diigame, namni qajeelaan maal gochuu danda'a ree?

4Waaqayyo mana qulqullummaa isaa keessa jira, Waaqayyo teessoo isaa waaqa irraa qaba; ija isaatiin ilmaan namaa in arga, agartuun isaas namoota qoree in ilaala*.

5Waaqayyo, nama qajeelaa, nama jal'aas in qora, isa humnaan nama irratti ka'uu jaallatus garaa guutuudhaan in jibba.

6Inni barbadaa ibiddaa, dhagaa boba'us jal'oota irratti in roobsa, qoodi isaaniis qilleensa gubaa finiinaa dha*;

7Waaqayyo qajeelaa dha, inni hojii qajeelaa in jaallata; warri waan qajeelaa hojjetan fuula isaa arguuf jiru*.[34]

icle>