1Waaqayyo gooftaa kootiin, ?Diinota kee ejjeta miilla kee hamman siif godhutti, ati gara mirga koo taa'i!? jedhe*.
2Waaqayyo ulee mootummaa isa aangoo kee mul'isu Xiyoonii kaasee in erga, ?Diinota kee gidduutti mo'i!? in jedhaanis.
3Guyyaa ati macca kee geggeessitutti, namoonni kee jaalala isaaniitiin of in dhi'eessu; dargaggoonni kees akka fixeensa barii ganamaatti simboo qulqulluudhaan siif in ba'u.[393]
4Waaqayyo, ?Akkuma lubummaa Malkiisedeqitti, ati luba bara baraa ti? jedhee kakateera; inni kana hin gaabbu*.
5Gooftichi mirga kee jira, guyyaa dheekkamsa isaattis mootota in caccabsa*!
6Inni saba lafa irraa keessatti firdii in baasa, reeffas isaan keessa in guuta; bulchitoota lafa irraas in caccabsa*.
7Karaattis mootichi burqituu keessaa in dhuga, kanaafis mataa isaa ol in qabata.[394]