1Waaqayyoon jajadhaa! Namni Waaqayyoon sodaatu, inni abboommiin isaa guddaa itti tolus haa gammadu!
2Sanyiin isaa biyyicha keessatti guddaa in ta'a, dhaloonni warra gara-qajeelotaa in eebbifama.
3Badhaadhummaa fi soorumni mana isaa keessa jira, qajeelummaan isaas yeroo hundumaaf jabaatee in dhaabata.
4Inni araara-qabeessa, oo'a-qabeessa, qajeelaas waan ta'eef, warra gara-qajeelotaaf ifni dukkana keessatti in ba'aaf*.[398]
5Namni araara argisiisuu fi namni liqeessu gaarii dha, inni jiruu isaa qajeeltootti in geggeeffata*!
6Inni yoom iyyuu hin mittiqu, namni qajeelaanoo bara baraan in yaadatama.
7Oduu hamaa dhaga'uu hin sodaatu, Waaqayyoon waan amanatuuf garaan isaa hin shakku.
8Hamma warra isa cunqursan irratti wanta dhufu argee gammadutti, garaan isaa cimsee amanateera, hin sodaatu*.
9Inni arjummaadhaan warra dhabaniif in kenna, qajeelummaan isaa yeroo hundumaaf jabaatee in dhaabata; gaanfi mataa isaa ulfinaan ol in qabama*.[399]
10Namni jal'aan kana argee in aara, ilkaan isaa walitti in qara, ofii isaatiis gad in dhuma; fedhi warra jal'ootaa waan tokkotti kan hin galle in ta'a.