MACAAFA FAARFANNAA 113:1-9 GAZB1997 - Bible AI

1Waaqayyoon jajadhaa! Isin yaa hojjetoota Waaqayyoo, jajadhaa, maqaa Waaqayyoo jajadhaa!

2Ammaa jalqabee hamma bara baraatti, maqaan Waaqayyoo eebbifamaa haa ta'u!

3Ba'a-biiftuutii jalqabee hamma lixa isheetti, maqaan Waaqayyoo jajamaa haa ta'u*!

4Waaqayyo saba lafa irraa hundumaa gara irraa dha; ulfinni isaas bantiiwwan waaqaa bira ol in darba![400]

5Kan akka Waaqayyo gooftaa keenyaa eenyu? Inni ol gara irraa teessoo isaa irra in taa'a;

6gara bantiiwwan waaqaatti, gara lafaattis gad fageessee in ilaala*.

7Isa gad-deebi'aa awwaara keessaa ol in kaasa, isa dhabaa kosii keessaa ol in fuudha;

8warra gurguddootaa wajjin, gurguddoota saba isaa wajjinis akka taa'u in godha*.

9Isheen dhabduun haadha ijoollee taatee gammaddee, mana keessa akka jiraattu inni in godha. Waaqayyoon jajadhaa*![401]

ticle>