3Galaanni argee in baqate, lagni Yordaanosis gara booddeetti in deebi'e*.
4Tulloonni akka korbeeyyii hoolaa, gaaronnis akka ilmoolee in quruphisan*.
5Yaa galaana nana, maal taatee baqatte? Yaa laga Yordaanos, maaliif gara booddeetti deebite*?
6Yaa tullootaa, maaliif akka korbeeyyii hoolaa, yaa gaarotaa, maaliif akka ilmoolee quruphiftan?[403]