MACAAFA FAARFANNAA 12:1-8 GAZB1997 - Bible AI

1Yaa Waaqayyo, namni siif of kenne hin jiru, ati nu gargaari! Warri amanamoonni ilmaan namootaa gidduudhaa badaniiru'o*;

2namoonni adduma addaan walii isaaniitti soba in dubbatu, afaaniin namatti kuuluudhaaf garaa walaallammiidhaan in dubbatu;

3hidhii sobaan namatti kuuluu hundumaa, arraba jajuu gurguddaa dubbatus, gooftichi haa kukkutu!

4Namoonni, ?Nuyi arraba keenyaan humna in godhanna, hidhiin keenya nutti jira, eenyutu nu irratti gooftaa ta'a ree?? in jedhu*.

5Waaqayyo gooftaan immoo, ?Warri jara gadadamoo irratti humnaan ka'an waan jiraniif, warri wanta barbaachisaa dhabanis waan aadaniif, amma ani ka'uufan jedha, gargaarsa isaan hawwanis akka argatan nan godhaaf? in jedha*.[35]

6Dubbiin Waaqayyoo dubbii qullaa'aa dha, inni akka meettii iddoo ibiddaatti si'a torba baqfamee qullaa'ee ti*;

7yaa Waaqayyo, ati nu irra in golgita, dhaloota kanattiis yeroo hundumaa nu eegda.

8Amalli gadheen ilmaan namootaa gidduutti akkuma ol ka'aa adeemu, warri jal'oonni gara hundumaan caqasaa yoo marsan iyyuu, ati nu eegda.[36]

icle>