3Yaa arraba gowwoomsituu, maal sitti fida laata? Maal sitti dabalas?
4Xiyyoolii jagnaa warra qara-qabeeyyii, barbadaa ibidda dhandhansaa wajjin sitti in fida.
5Ana isa akka nama warra Mesheek keessatti galaa ta'eef, akka isa godoowwan warra Qedaar keessa jiraatuufis wayyoo!
6Warra nagaa jibban gidduu, ani yeroo dheeraa taa'eera*.
7Ani nagaa nan barbaada, yeroo ani waa'ee isaa dubbadhu garuu, isaan lolaaf in ka'u*.[439]