MACAAFA FAARFANNAA 121:1-8 GAZB1997 - Bible AI

1Iji koo gara gaarotaatti ol in ilaala, gargaarsi koo eessaa dhufa?

2Gargaarsi koo Waaqayyo biraa in dhufa; inni immoo isa bantiiwwan waaqaa, lafas uumee dha.

3Inni miilli kee akka sigigaatu hin godhu, inni si eegus hin mugu.

4Kunoo inni Israa'elin eegu, matumaa hin mugu, hin rafus*.

5Waaqayyo si eega, Waaqayyo gaaddisa kee ti, inni gara mirga kee jira.

6Guyyaa aduun si hin rukutu, halkanis ji'i si hin miidhu.[440]

7Waaqayyo hamaa hundumaattii si eega, inni jireenya kee in eega.

8Waaqayyo gad ba'uu kee, ol galuu kees ammaa jalqabee hamma bara baraatti in eega*.[441]

ticle>