1?Gara mana Waaqayyoo dhaqna!? yeroo anaan jedhanitti, ani nan gammade*.
2Ammas miilli keenya, balbaloota kellaa kee keessa in dhaabata, yaa Yerusaalem![442]
3Yaa Yerusaalem, ishee mandaraaf akka ta'utti ijaaramtee, ishee tokkummaadhaan walitti hidhamtee*!
4Achitti gosoonni ol in ba'u; gosoota Waaqayyoo ta'anii, Israa'eliif akkuma abboomametti, maqaa Waaqayyoof galata in galchu*.
5Achitti teessoowwan firdii, teessoowwan mana Daawit dhaabamaniiru*.[443]
6Nagaa Yerusaalemiif kadhadhaa! Warri si jaallatan itti tolee gabiitti haa jiraatan*!
7Nagaan masaraa kee keessa, gabiinis mana mootummaa kee keessa haa jiraatu!
8Sababii obboloota koo fi hiriyoota koof, ?Nagaan si keessa haa jiraatu!? nan jedha.
9Sababii mana Waaqayyoo gooftaa keenyaaf, wanta gaarii argachuu kee nan barbaada![444]