MACAAFA FAARFANNAA 123:1-4 GAZB1997 - Bible AI

1Ati bantiiwwan waaqaa keessa teessoo kee irra waan jirtuuf, iji koo ol gara kee in ilaala*.

2Iji hojjetootaa, harka isa isaan hojjechiifatuu, iji hojjettuu, harka ishee ishee hojjechiifattuu in eeggata; akkasuma immoo hamma Waaqayyo gooftaan keenya araara nutti argisiisutti, iji keenya gara isaa in ilaala.[445]

3Araara nutti argisiisi, yaa Waaqayyo, araara nutti argisiisi! Nu'oo salphina quufnee nu irraa hafeera.

4Namummaan keenya ceephoo warra quufoo, isa warri of gurguddisan nu salphisanis baay'isee quufeera.

ticle>