1?Inni gara keenya gore Waaqayyo utuu ta'uu dhabaatee? haa jedhu sabni Israa'el!
2Yeroo namoonni nu irratti ka'an, ?Inni gara keenya gore Waaqayyo utuu ta'uu dhabaatee?
3silaa yeroo aariin isaanii nu irratti boba'e sana, isaan fayyaatti nu in liqimsu turan*.
4Silaa lolaan nu fudhatee in sokka, bishaan bubbisus mataa keenya irra in yaa'a ture.
5Silaa huursaan bishaanii, mataa keenya irra in yaa'a ture*.[446]
6Waaqayyo inni afaan isaanii keessa nu hin buusin, ulfinaan haa jajamu!
7Akka simbirroonni kiyyoo adamsituu jalaa baatu, nuyis isaan jalaa in baane kiyyichi in ciccite, nuyis jalaa in baane.
8Maqaa Waaqayyoo isa waaqaa fi lafa uumeen, nuyi gargaarsa arganne.