MACAAFA FAARFANNAA 126:1-6 GAZB1997 - Bible AI

1Yeroo Waaqayyo warra Xiyoonitti galan deebisee fide, nuyi akka warra abjuu abjootanii taane.

2Yommus nuyi kolfa duwwaa taane, arrabni keenyas sagalee gammachuu guddisee dhageessise; saba lafa irraa keessatti immoo, ?Waaqayyo waan guddaa isaaniif hojjetee argisiise? jedhamee in dubbatama.

3Waaqayyo waan guddaa nuuf hojjetee argisiiseera; nuyi warra gammachuu in taane*![448]

4Akkuma biyya gara mirgaatii manii bishaanii isa goge deebiftee guuttu, yaa Waaqayyo, iddootti nu deebisi!

5Warri imimmaan dhangalaasaa sanyii facaasan, sagalee gammachuu dhageessisaa in haammatu*.

6Inni sanyii facaafamuu baatee boo'aa adeemu, bissii isaa baadhatee, sagalee gammachuu dhageessisaa deebi'ee in gala*.[449]

ticle>