1Waaqayyo mana namaa yoo ijaaruu dhabaate, warri isa ijaaran akkasumaan itti dadhabu; Waaqayyo mandara tokko yoo eeguu dhabaate, namni isa eegu akkasumaan eegaa bula.
2Isin bariidhaan kaatanii utuu gad hin taa'in hamma waariitti warri hojjettan, buddeena nyaataniifis warri dadhabdan akkasumaan in rakkattu; inni michoota isaatiif hirriba keessatti iyyuu akkuma kana in kennaaf*.[450]
3Ilaa ijoolleen kennaa Waaqayyoo ti, dhala godhachuunis bu'aa inni namaaf kennuu dha*.
4Ilmaan dargaggummaadhaan godhatan, akka xiyya harka jagnaa keessa jiruu ti.
5Namni warra akka xiyyaa kana mana guuttate, haa gammadu! Isaan lafa yaa'iitti diinota isaanii wajjin, yeroo walitti falman hin yeellaasifaman.[451]