MACAAFA FAARFANNAA 128:1-6 GAZB1997 - Bible AI

1Namni Waaqayyoon sodaatu hundinuu, inni karaa isaa irra adeemus gammachuu qaba!

2Wanta harka keetiin itti dadhabdee argatte in nyaatta, ati in gammadda, gaariittis in jiraatta.

3Haati manaa kee mana kee keessatti akka muka waynii ija godhatuu in taati; ijoolleen kees naannoo maaddii keetti akka lataa muka ejersaa in ta'u.

4Kunoo, namni Waaqayyoon sodaatu, akka kanatti in eebbifama*.[452]

5Waaqayyo tulluu Xiyoon irraa si haa eebbisu, bara jireenya kee guutuuttis, Yerusaalem bal'inatti jiraachuu ishee argii gammadi*!

6Ijoollee ijoollee keetiis argi! Nagaan Israa'eliif haa ta'u*![453]

ticle>