1Israa'el, ?Mucummaa kootii jalqabanii, baay'ee diina anatti ta'an? haa jedhu!
2?Mucummaa kootii jalqabanii baay'ee diina anatti ta'an, haa ta'u iyyuu malee, humna ana hin caalle.
3Akkuma nama qotiisa qotuu dugda koo in tattaraaran, akka isa bo'oo dhedheeraa baasuus madaa isaa tarree galchan*.
4Waaqayyo garuu qajeelaa dha, inni funyoo jal'ootaa kuteera? haa jedhu![454]
5Warri Xiyoonin jibban hundinuu haa yeellaasifaman, gara booddee isaaniis haa deebi'an!
6Akka marga bantii manaa irratti biqilee, utuu namni hin buqqisin goguu haa ta'an!
7Margi sun qabaa nama isa haamuu, kaasuu isa bissii hidhuus hin guutu.
8Warri achiin darban, ?Eebbi Waaqayyoo isiniif haa ta'u? isaaniin hin jedhan! Nuyi garuu maqaa Waaqayyootiin isin in eebbifna*![455]