MACAAFA FAARFANNAA 13:1-6 GAZB1997 - Bible AI

1Hamma yoomiitti raawwattee na irraanfatta, yaa Waaqayyo? Hamma yoomiitti fuula kee na duraa dhoksita*?

2Hamma yoomiitti lubbuun koo yaadaan dhiphatti? Hamma yoomiitti garaan koo guyyaa guutuu gadda? Hamma yoomiitti diinonni koo ana irra aanu?[37]

3Yaa Waaqayyo gooftaa ko na ilaali, anaaf deebisis; hirriba du'aa akkan hin rafnetti ija koo anaaf ibsi!

4Diinni koo, ?Isa mo'eera? hin jedhin, hamajaajiin koos bitintiruu kootti sonaan hin gammadin!

5Ani garuu gaarummaa kee amanadheera, na oolchuu keettis garaa koo guutuudhaan nan gammada.

6Wanta gaarii inni anaaf godheef, ani Waaqayyoon nan faarfadha.

icle>