1Iddoo gad fagoo keessaa, ani sin waammadha, yaa Waaqayyo!
2Yaa gooftaa, sagalee koo anaaf dhaga'i! Gurri kees sagalee himata koo haa dhaggeeffatu!
3Yaa Waaqayyo, utuu ati irra-daddarbaa namatti lakkooftee, silaa eenyutu si dura dhaabata, yaa gooftaa*?
4Garuu ati akka sodaatamtutti, cubbuu namaaf dhiisuun si bira jira*.[456]
5Ani Waaqayyoon abdadhee nan eeggadha, lubbuun koo in eeggatti, dubbii isaas abdiidhaan nan eeggadha!
6Eegduu barii ganamaa eeggatan caalaa, eegduu barii ganamaa eeggatan caalaa, lubbuun koo, gooftaa abdiidhaan in eeggatti*.[457]
7Gaarummaan Waaqayyo bira waan jiruuf, fureen guutuunis isuma biratti waan argamuuf, yaa Israa'el, Waaqayyoon abdiidhaan eeggadhu!
8Inni Israa'elin irra-daddarbaa isaa hundumaattii in fura*.[458]