MACAAFA FAARFANNAA 132:1-18 GAZB1997 - Bible AI

1Yaa Waaqayyo, Daawitin, wanta inni itti dadhabe hundumaas yaadadhu!

2Waaqayyoof attam akka kakate, aango-qabeessa isa kan Yaaqoobiif attam akka wareege,

3?Ani matumaa godoo isa ani keessa jiraadhutti hin galu, siree ani irra ciisuttis ol hin ba'u;

4ani hirriba ija kootti hin fidu, mugaatiifis baallee ija koo wal irra hin buusu.

5Hamma ani Waaqayyoof iddoo, aango-qabeessa isa kan Yaaqoobiif buufata arguutti hin boqodhu? jedhe*.[460]

6Efraataatti waa'ee sanduuqa kakuu dhageenye, bakkee Yaa'arittis isa argine*;

7kottaa gara iddoo buufata isaa in dhaqnaa, ejjeta miilla isaa jalattis isaaf in sagannaa!

8Yaa Waaqayyo, ati gara iddoo boqonnaa keetti ka'i! Sanduuqi kakuu inni aangoo kee mul'isus sii wajjin haa dhaqu*!

9Luboonni kee qajeelummaa haa uffatan, warri siif of kennanis sagalee gammachuu haa dhageessisan![461]

10Sababii garbicha kee Daawitiif jedhii, fuula isa dibdee moosiftee of irraa hin deebisin!

11Waaqayyo dhugaadhaan Daawitiif kakateera, kakaa isaa irraas hin gara galu; ?Warra si irraa dhalatan keessaa nama tokko, teessoo kee irra nan kaa'a*.

12Ilmaan kee kakuu koo yoo eegan, abboommii dhugaa anaaf ba'u isa ani isaan barsiisus yoo eegan, ilmaan isaaniis immoo bara hundumaaf, teessoo kee irra in taa'u? jedheera.[462]

13Waaqayyo Xiyoonin fo'ateera, lafa taa'umsa isaa ishee godhachuuf fedheera*.

14?Kun bara hundumaaf iddoo boqonnaa koo ti; kanas waanan fedheef, ani addana nan buufadha*.

15Waan namoonni ishee nyaataaf argatan baay'ee nan eebbisa, hiyyeessota ishees buddeena nan quufsa.

16Luboota isheetti fayyina nan uffisa, ishee keessaa warri Waaqayyoof of kennanis sagalee gammachuu guddisanii in dhageessisu.

17Achitti Daawitiif gaanfi humna argisiisu akka biqiluuf nan godha, isan ofii dibee moosiseef ani ibsaa qopheesseera*.

18Diinota isaatti yeelloo nan uffisa, isa irraa garuu gonfoon isaa tal-tal in jedha? jedheera.[463]

rticle>