MACAAFA FAARFANNAA 133:1-3 GAZB1997 - Bible AI

1Ilaa, obboloonni walii wajjin jiraachuun, attam gaarii dha, attam namatti tolas!

2Inni akka dibata gati-jabeessa isa mataa irraa areedatti gad yaa'uu ti; akka isa areeda Aaron irra morma wayyaa isaa irra gad dhangala'uu ti*;

3inni akka sanyii fixeensa tulluu Hermoon, isa tulluu Xiyoon irra bu'uu ti; eebbi jireenya hin darbinee achi irratti akka argamu Waaqayyo abboomeera.[464]

ticle>