1Waaqayyo gaarii waan ta'eef, isaaf galata galchaa! Gaarummaan isaa bara baraan in jiraata*!
2Waaqayyo isa waaqayyolii caaluuf galata galchaa! Gaarummaan isaa bara baraan in jiraata.
3Isaaf galata galchaa! Gooftaa gooftotaaf galata galchaa! Gaarummaan isaa bara baraan in jiraata.[472]
4Inni kophaa isaa dinqii gurguddaa hojjete; gaarummaan isaa bara baraan in jiraata.
5Inni hubannaadhaan bantiiwwan waaqaa uume; gaarummaan isaa bara baraan in jiraata*.
6Inni lafa bishaan irra diriirse; gaarummaan isaa bara baraan in jiraata*.
7Inni ifa gurguddaa hojjete; gaarummaan isaa bara baraan in jiraata.
8Biiftuun guyyaa aboo akka godhatuuf kaa'e; gaarummaan isaa bara baraan in jiraata.
9Ji'i, urjoonnis halkan aboo akka godhataniif kaa'e; gaarummaan isaa bara baraan in jiraata*.[473]
10Inni angafa ta'anii warra Gibxiif kan dhalatan in dha'e; gaarummaan isaa bara baraan in jiraata.
11Israa'elin immoo isaan gidduudhaa in baase; gaarummaan isaa bara baraan in jiraata.
12Harka aango-qabeessaan, irree isaa isa ol fudhateen in baase; gaarummaan isaa bara baraan in jiraata*.
13Inni galaana diimaa iddoo lamatti gargar hire; gaarummaan isaa bara baraan in jiraata.
14Sabni Israa'el gidduu isaa akka darban godhe; gaarummaan isaa bara baraan in jiraata.
15Fara'oonii fi macca isaa immoo galaana diimaa keessatti in darbate; gaarummaan isaa bara baraan in jiraata*.[474]
16Inni saba isaa lafa onaa keessa in geggeesse; gaarummaan isaa bara baraan in jiraata*.
17Inni mootota gurguddoota in dha'e; gaarummaan isaa bara baraan in jiraata.
18Inni mootota surra-qabeeyyii in ajjeese; gaarummaan isaa bara baraan in jiraata.
19Sihoonin mootii Amoorotaa in qoome; gaarummaan isaas bara baraan in jiraata.
20Oogin mootii Baashaan in ajjeese; gaarummaan isaa bara baraan in jiraata.
21Inni biyya isaanii dhaala godhee kenne; gaarummaan isaa bara baraan in jiraata.
22Israa'el garbicha isaatiif dhuunfaa isa godhe; gaarummaan isaa bara baraan in jiraata*.[475]
23Yeroo gad deebii keenyaatti isatu nu yaadate; gaarummaan isaa bara baraan in jiraata.
24Warra nu cunqursan harkaas isatu nu baase; gaarummaan isaa bara baraan in jiraata*.
25Inni foon kan uffate hundumaa in soora; gaarummaan isaa bara baraan in jiraata*.
26Waaqayyo, gooftaa bantii waaqaaf galata galchaa! Gaarummaan isaa bara baraan in jiraata.[476]