MACAAFA FAARFANNAA 137:1-9 GAZB1997 - Bible AI

1Nuyi biyya Baabilonitti lagoota bishaanii bira teenyee, yommuu Xiyoonin yaadanne in boonye.

2Kiraarota keenya alaltuu achi jirutti fafannifne.

3Achitti immoo warri nu booji'an akka nuyi isaaniif weeddifnu, warri nu dhiphisanis gammachuudhaan akka isaaniif faarfannu nu irraa barbaadan; ?Weedduu Xiyoon keessaas tokko nuuf weeddisaa!? jedhan.

4Wanta Waaqayyoof weeddifnu, attamitti biyya ormaatti weeddisuu dandeenya ree?

5Yaa Yerusaalem, ani yoon si irraanfadhe, harki koo mirgaa hojii isaa haa irraanfatu!

6Ani yoon si yaadachuu dhabaadhe, wanta ani itti gammadu hundumaa irra Yerusaalemin yoon caalchifachuu dhabaadhe, arrabni koo laagaa kootti haa gogu*![477]

7Yaa Waaqayyo, gaafa Yerusaalem diigamte, warri Edoom, ?Diigaa, hamma hundee isheetiitti diigaa!? akka jedhan yaadadhu*![478]

8Yaa mandara Baabilon, yaa barbadeessituu! Waan ati nu irratti hojjetteef, isa dugda siif baasu sanaaf haa tolu*!

9Mucoolii kee qabee isa dhagaa irratti caccabsu sanaaf haa tolu![479]

ticle>