1Ani garaa koo guutuudhaan,galata siif nan galcha, yaa Waaqayyo!Waaqayyolii durattis jajuu kee nan faarfadha.
2Ani gara mana qulqullummaa keetti gara galee nan sagada;wanta ittiin maqaan kee beekame gara irraattiati abdii kee waan ol kaafteef,gaarummaa keetii fi amanamummaa keetiifis,maqaa keef galata nan galcha*.
3Guyyaa ani si waammadhetti na jalaa owwaatteetta,ati na jabeessite, lubbuun koos humna godhatte.[480]
6Waaqayyo akkas ol ka'ee utuma jiruu,warra gad deebi'an in ilaala;warra of gurguddisan garuuinni fagootti in beeka*.[481]
7Ani gidiraa keessa yoon deddeebi'e iyyuu,ati lubbuu anatti in deebifta;dheekkamsa diinota koo irrattis,ati harka ol in fudhatta;harki kee mirgaas ana in oolcha*.
8Waaqayyo akeeka isaa anaaf in raawwata;gaarummaan kee yaa Waaqayyo, bara baraan in jiraata,hojii harka keetii ati hin dhiisin![482]