1Yaa Waaqayyo, ati qortee na ilaalteetta, na beektas*!
2Taa'uu koo fi ijaajjuu koo in beekta, fagoodhaas yaada koo in hubatta.
3Ka'ee adeemuu koo fi ciisuu koos gargar in baafatta, karaa jireenya koo hundumaas keessa in beekta.
4Utuma dubbiin afaan kootii hin ba'in, isa ani jechuuf ture hundumaa ati dur illee beekte, yaa Waaqayyo!
5Ati karaa hundumaan naannoo kootti argamtee, harka kee ana irra qabdee jirta.
6Wanta dinqisiisaa akkasii kana beekuun humna koo gara irraa dha, anaa ol, isa bira ga'uus hin danda'u.[483]
7Hafuura kee duraa eessa nan dhaqa? Fuula kee duraas eessatti nan baqadha?
8Bantii waaqaatti yoon ol ba'e, ati achi jirta! Iddoo lafa jalaa keessa yoon ciises, ati achittis immoo in argamta*!
9Ani baallee baasee akka ifa bariitti balali'ee, galaana dhidhimaa qarqara utuun qubadhee,
10silaa achitti immoo harki kee na geggeessa, harki kee mirgaas jabeessee na qaba ture.
11Ani, ?Dukkanni ana irra haa bu'u, ifni guyyaas naannoo kootti halkan haa ta'u!? yoon jedhe,
12dukkanni iyyuu si duratti hin dukkanaa'u, halkan akkuma guyyaa in ifa; dukkanni immoo akkuma ifaa in ta'a*.[484]
13Keessa namummaa koo situ uume, gadameessa haadha koo keessatti situ na tolche;
14isa ati guddaa dinqisiisaa gootee na uumteef, ani galata siif nan galcha; gochaan kee waanuma raajii ti, anis kana ba'eessa godhee nan beeka.
15Ani dhoksaatti yommuun hojjetame, gadameessa [isa akka lafa gad fagootti ilaalamu] keessatti yommuun tottolfame lafeen koo iyyuu si duraa hin dhokanne.
16Nama ta'uun koo utuu hin beekamin iji kee na arge, dhaladhee barri jireenya koo lakkaa'amuu utuu hin jalqabin, guyyoonni anaaf yaadaman guutummaatti macaafa kee keessatti caafaman*.
17Yaadni kee maal maal anatti jabaata, yaa Waaqayyo! Guutummaattis maal maal baay'ata*!
18Ani lakkoobsa isaa himuu utuun yaalee, cirracha irra in baay'ata; kana yaaduu keessaa yeroon dammaqus, amma iyyuu sii wajjinan jira*.[485]
19Nama jal'aa utuu ajjeeftee, yaa Waaqayyo! Warri dhiiga namaa dhangalaasanis anattii haa fagaatan!
20Isaan hamaadhaaf waa'ee kee in dubbatu, warri siin mormanis akkasumaan maqaa kee in kaasu.
21Yaa Waaqayyo, ani warra si jibban hin jibbuu ree? Warra si irratti ka'anis ani hin ciigga'uu ree?
22Jibba guutuu isaan nan jibbe, isaan diina anatti ta'aniiru.
23Qorii na ilaali, yaa Waaqayyo, garaa koos beeki! Na fonqolchi, yaada koos beeki!
24Karaa nama miidhu irra bu'een jira yoo ta'e ilaali, karaa bara baraan jiraatu irra na geessi*![486]