1Gowwoonni garaa isaaniitti, ?Waaqayyo hin jiru? in jedhu; isaan amalli isaanii manca'aa dha, wanta ciiggaasisaa in hojjetu, namni waan gaarii godhu tokko illee hin jiru*.
2Ogeessonni Waaqayyoon barbaadan, yoo jiraatan arguudhaaf, Waaqayyo bantii waaqaa keessaa, ilmaan namootaa gad in ilaala;
3hundinuu karaa irraa goraniiru, hundinuus wal ga'anii manca'aniiru, namni gaarii godhu tokko illee hin jiru, lakkii, tokko iyyuu hin jiru*.[38]
4Warri hamaa hojjetan hundinuu homaa hin hubatanii ree? Warri akkuma buddeena nyaatan saba koo nyaatanis, Waaqayyoon hin waammatanii ree*?
5Kunoo, isaan sun naasuu guddaatti in kufu, Waaqayyo dhaloota qajeelaa wajjin jira'o;
6isin akeeka nama gadadamaa isa harkaa in gattu; inni garuu Waaqayyotti kooluu galeera*.
7Xiyoon keessaa Israa'eliif fureen utuma ba'ee! Yeroo Waaqayyo saba isaatiif adda kennuuf, Yaaqoob in burraaqa, Israa'elis in gammada*.[39]