1Yaa Waaqayyo, ani sin waammadha, ati ariifadhuu na bira ga'i! Yommuun si waammadhu, gurra keetiin gara sagalee koo dhaggeeffadhu!
2Kadhanni koo akka ixaana aarfamuutti, harka koo gara keetti ol qabuun koos akka aarsaa galgalaatti si duratti anaaf haa fudhatamu*![492]
3Yaa Waaqayyo, eegduu afaan koo eegu, tiksee saaqamuu hidhii kootii tiksus anaaf dhaabi*!
4Hidhata namoota dabaa hojjetanii ta'ee, jal'inaan waa akkan hin raawwannetti, garaan koo gara wanta hamaatti akka hin jal'anne godhi! Nyaanni isaanii inni namatti tolus anatti haa hafu![493]
5Namni qajeelaan na rukutuun anaaf gaarii dha, na ifachuun isaas akka dibata mataa kootii ti; mataan koos kanaan dibamuu hin didu; hojii warra hamaa godhanii irratti garuu, ani amma iyyuu kadhachuu hin dhiisu*.
6Abboonni firdii isaanii kattaa irraa yeroo gad darbataman, wanti ani dubbadhe akka namatti tolu jaratti in dhaga'ama.
7Akkuma nama lafa qotee gara gaggalcheetti, lafeen isaaniis iddoo lafa jalaa dura tattamsa'ee jira.[494]
8Iji koo garuu gara kee in ilaala, yaa Waaqayyo gooftaa, ani kooluu sitti galeera, ati lubbuu koo hin gatin!
9Futtaasaa isaan anaaf kaa'an irraa, meendoo warra hamaa hojjetanii irraas na eegi!
10Ani jalaa nan ba'a, warri jal'oonni immoo kiyyoo isaaniitti haa kufan*![495]