1Ani sagalee koo ol fuudheegara Waaqayyootti nan iyyadha,Waaqayyo akka anatti araaramuufsagalee kootiin nan kadhadha!
2Ani dhibee koo isa duratti nan dhangalaasa,rakkina koos isa duratti nan himadha!
3Hafuurri koo yeroo ana keessatti laafu,ati gara ani itti adeemu in beekta!Daandii ani irra adeemu keessa,isaan futtaasaa anaaf dhoksaniiru.
4Ani gara mirga koo nan ilaala, nan eegas;garuu namni na yaadatu hin jiru;iddoon ani kooluu itti galutokko illee anaaf hin hafne;namni tokko illee dhimma koo hin qabu!
5Yaa Waaqayyo, ani gara keetti nan iyyadha,?Ati isa ani kooluu itti galuu dha,biyya warra jiraatoo keessattis qooda koo ti? nan jedha.
6Ani baay'isee waanan mataa buuseef,iyyata koo anaaf dhaggeeffadhu!Warri na ari'atan baay'ee waan anatti cimaniif,ati isaan jalaa na baafadhu!
7Maqaa kee akkan galateeffadhutti,mana hidhaa keessaa na baasi!Yeroo ati waan gaarii anaaf deebiftettis,warri qajeelonni anatti in tuuta'u.