1Waaqayyo, inni harka koo lolatti,quba koos waraanatti barsiisu,kattaan koo ulfinaan haa jajamu!
2Inni gaarummaa anatti in argisiisa,inni masaraa koo, da'oo jabaa koo, oolchaa koo,gaachana koo isa ani kooluu itti galuu dhas;inni saba lafa irraa[501] ana jalatti in abboomsisa*.[502]
3Yaa Waaqayyo, ati akka waa'ee isaa yaaduuf namni maali?Ati akka yaadaan isa qabduufisilmi namaa maali*?
7Ol gubbaa sanaa harka kee hiixadhuu na furi,bishaanota baay'ee keessaa,harka warra ormaa keessaas na baasi*!
8Afaan isaanii dubbii hundee hin qabne in dubbata,harka mirgaa wal rukutuun isaaniis kan sobaa ti*.[504]
9Yaa Waaqayyo, ani weedduu haaraa siif nan weeddisa,mi'a ribuu kudhan qabuunis sin faarfadha*.
10Ati moototaaf mo'icha in laatta;Daawitin garbicha keesbillaa sodaachisaa jalaa in oolchita*.
11Anas na oolchi,harka warra ormaa keessaas na baasi!Afaan isaanii dubbii hundee hin qabne in dubbata,harka mirgaa wal rukutuun isaaniis kan sobaa ti.[505]