MACAAFA FAARFANNAA 148:1-14 GAZB1997 - Bible AI

1Waaqayyoon jajadhaa! Bantiiwwan waaqaa keessaa Waaqayyoon jajadhaa, ol gubbaa sanatti isa jajadhaa!

2Ergamoonni isaa warri waaqa irraa hundinuu isa jajadhaa; macci isaa hundinuus isa jajadhaa*![519]

3Biiftuu fi ji'i isa jajadhaa, urjoonni calaqqiftanis isa jajadhaa!

4Bantiiwwan waaqaa warri ol fagoon, isinis bishaanonni bantiiwwan waaqaa irra jirtan, isa jajadhaa*!

5Inni abboomnaan waan uumamaniif, isaan maqaa Waaqayyoo haa jajatan*!

6Inni yeroo hundumaaf baruma baraan cimsee isaan dhaabe, seerrata isaan irra darbuu hin dandeenyes isaaniif in kenne*.[520]

7Isin bineensonni akka jawwee galaanatti galtan, tuujjubni galaanaas, lafaa Waaqayyoon jajadhaa*!

8Isin ibiddii fi qorri, cabbiinii fi hurriin, bubbeen qilleensaa inni abboommii isaa raawwatu*,

9Tulloonni gaaronnis hundinuu, mukeetiin ija godhatan, gaatiraanis hundinuu,

10bineensonni, horiin qe'ees hundinuu, warri lafa irra munyuuqan, warri baalleedhaan ka'anis,

11mootonni lafaa, sabnis hundinuu, gurguddoonni, warri biyya seerratanis hundinuu,

12dargaggoonni, durboonnis akkasuma, jaarsoliinis ijoollee wajjin,

13hundumti isaanii maqaa Waaqayyoo haa jajatan! Maqaan isaa kophaan ol ka'ee waan beekameef, surraan isaa lafaa fi bantii waaqaa gara irraa dha.[521]

14Jajuu ijoollee Israa'el, warra isatti dhi'aatanii, isaaf of kennan hundumaaf, inni gaanfa mataa saba isaa ol qabeera. Waaqayyoon jajadhaa*![522]

rticle>