MACAAFA FAARFANNAA 149:1-9 GAZB1997 - Bible AI

1Waaqayyoon jajadhaa! Faarfannaa haaraadhaan Waaqayyoon faarfadhaa! Walga'ii warra isaaf of kennanii keessatti jajuu isaa dhageessisaa*!

2Israa'el isa isa uumetti haa gammadu, ijoolleen Xiyoon mootii isaaniitti gammaduu isaanii haa mul'isan*!

3Sirbanii maqaa isaa haa jajatan, dibbee fi kiraara rukutuudhaanis isa haa faarfatan![523]

4Waaqayyo saba isaatti in gammada, warra gad deebi'aniifis mo'icha kennuudhaan ulfina in argachiisa*.

5Warri isaaf of kennan ulfina kanatti haa gammadan, afata isaanii irrattis guddisanii haa faarfatan!

6Waaqayyoon jajatanii ol himuun afaan isaanii keessaa, billaan gar lamaan qaramaanis harka isaanii keessaa hin bu'in!

7Saba lafa irraa irratti ijaa ba'uudhaaf, saba warra kaanis adabuudhaaf

8mootota isaanii fuuncaadhaan, ulfina-qaboota isaaniis funyoo sibiilaatiin hidhuudhaaf,

9firdii caafamee jiru isaan irratti in raawwata, kun warra isaaf of kennan hundumaaf ulfina! Waaqayyoon jajadhaa*![524]

ticle>