MACAAFA FAARFANNAA 15:1-5 GAZB1997 - Bible AI

1Yaa Waaqayyo, godoo kee keessa eenyutu buufata ree? Tulluu kee isa qulqullaa'aa irras eenyutu jiraata ree*?

2Nama balleessaa malee jiraatu, nama wanta qajeelaa hojjetu, nama garaa isaatiin dhugaa dubbatu,

3nama arraba qaratee asii fi achi hin labne, nama nama irratti hamaa hin hojjenne, nama ollaa isaa hin ceephaane;

4namni Waaqayyoon gatee gatamee ija isaatti tuffatamaa ta'ee kan ilaalamu; warra Waaqayyoon sodaataniif immoo ulfina kan kennu, wanti inni wareege kan isa miidhu yoo ta'e iyyuu, wareega isaa utuu hin geddarin kan raawwatu;

5horii isaa hiiqiitti kan hin kennine, nama yakka hin qabne irratti gabbarsuu kan hin fudhanne; kana hundumaatti namni of eeggachaa hojjetu, yoom iyyuu hin socho'u*.[40]

icle>