1 Yaa Waaqayyo, ani kooluu sitti galeera, ati na eegi!
2 Ani Waaqayyoon, ?Ati gooftaa koo ti, ati anaaf wanta gaarii hundumaa dha? nan jedha*.
3 Warri isaaf qulqullaa'anii biyyicha keessa jiran ulfina-qaboota, isaan anaaf guutummaa gammachuu kootii ti.
4 Warri Waaqayyoon dhiisanii kan biraa fudhatan, miidhama of irratti in baay'isu, dhibaayyuu dhiigaa isaaniif dhi'aatu ani hin dhibaafadhu, afaan kootiinis maqaa isaanii hin dha'u*.[41]
5 Yaa Waaqayyo, ati qooda koo isa anaaf kennamee dha, ati xoofoo anaaf hiixatamee dha, ga'aan koos si harkaa in dhufa*;
6 funyoon safaraa iddoo gammachiisaa irra anaaf bu'e, eyyee, ani dhaala guddaa namatti tolu qaba;
7 Waaqayyoon isa gorsa anaaf kenne nan jajadha halkanis immoo yaadni garaa koo isa kana na yaadachiisa;
8 Waaqayyo yeroo hundumaa fuula koo dura anaaf jira, inni mirga koo waan jiruufis ani hin shishu;
9 kanaafis garaan koo in gammada, lubbuun koo inni ulfina-qabeessi in ililcha, namummaan koos immoo sodaa malee in jiraata.[42]
10 Ati iddoo lafa jalaatti ana hin laattu, isa siif of kennes ijaan iyyuu qilee akka argu hin gootu*.
11 Ati karaa jireenyatti nama geessu na barsiifta, guutummaan gammachuu fuula kee dura, wanti namatti tolus immoo bara hundumaattuu mirga kee jira.[43]
Bible Society of Ethiopia