1 Yaa Waaqayyo, dubbii qajeelaa kana dhaga'i, iyya koo anaaf dhaggeeffadhu, gurra kee gara kadhata kootti gara isa sobaan hin dubbataminiitti qabi!
2 Iji kee wanta qajeelaa in arga, kanaaf mirgi argachuun anaaf ta'u si biraa anaaf haa dhufu*!
3 Garaa koo keessa qortee halkanis dhuftee yoo na ilaalte, keessa koos gara galchitee yoo fonqolchite, hamaa yaaduu koo hin argitu; dubbii afaan kootii keessaas irra-daddarbaan hin argamu*.
4 Dubbii afaan kee keessaa ba'uun geggeeffamee, wanta namoonni hojjetan irraa, karaa isaan humnaan nama irratti ka'an irraas, of eeggadheera.
5 Ejjennaan faana kootii karaa kee irratti jabaateera, miilli koos hin bitintiru*.[44]
6 Ani sin waammadha, ati immoo ana jalaa in owwaatta yaa Waaqayyo! Gurra kee gara kootti qabi, dubbii koos dhaggeeffadhu!
7 Gaarummaan kee dinqisiisaa akka ta'e mul'isi! Ati warra gara mirga keetti baqatan, namoota isaan irratti ka'an jalaa in oolchita.
8 Akka agartuu ija keetiitti na eegi, gaaddisa bobaa keetiinis na golboobi*!
9 Jal'oota humnaan anatti bu'an, diinota koo warra gojoma'anii anatti dacha'anis ati ana irraa dhowwi!
10 Dhageettiin garaa isaanii hadoodeera, afaaniin asii ol in haasa'u.
11 Isaan faana dha'anii amma nu marsaniiru; lafaan nu dha'uudhaafis ija isaanii nu irra kaa'ataniiru.
12 Isaan akka leenca waa kukkutachuu kajeelee ti, akka ilmoo leencaa isa riphee taa'uu ti.[45]
13 Yaa Waaqayyo, ka'iitii nama jal'aadhaan mormuudhaaf dura dhaabadhu, inni gugguufee harka isaa akka kennus godhi! Billaa keetiin isa harkaa ana baasi.
14 Harka keetiinis yaa Waaqayyo namoota harkaa, namoota warra qoodi jireenya isaanii wanta biyya lafa kanaa duwwaa ta'e harkaa ana baasi! Ati wanta keesseen garaa warra akkasii in guutta, ijoolleen isaanii haa quufan, isaanis wanta isaan irraa hafu ijoollee isaaniitiif haa hambisan.
15 Ani garuu qajeelummaadhaan fuula kee ilaaluufan jira, dammaqees bifa kee arguu kootti nan quufa*.[46]
Bible Society of Ethiopia