1 Yaa Waaqayyo aangoo ko, ani sonaan sin jaalladha;
2 Waaqayyo kattaa koo, masaraa koo, oolchaa koo tis; Waaqayyo koo da'oo dhagaa isa ani kooluu itti galuu dha; gaachana koo, isa akka gaanfaa fayyina koof faccisu, iddoo dhokannaa koo isa ol jedhaa dhas.
3 Waaqayyoon isa jajamaa nan waammadha, inni immoo harka diinota koo na oolcha*.[47]
4 Hidhaan du'aa na marsan, dha'aan bishaan badiisaas na naasise;
5 hidhaan qilee na xaxan, furgaasaan du'aas na qabate*;
6 rakkina koo keessatti Waaqayyoon nan waammadhe, gargaarsaaf Waaqayyo koottan iyyadhe; inni immoo mana qulqullummaa isaa keessaa sagalee koo dhaga'e, isa duratti gargaarsaaf iyyuun koos gurra isaa bira anaaf ga'e*.[48]
7 Yommus lafti rom'itee tochoote; sababii aariin isaa boba'eefis, hundeen tullootaas immoo hurgufamanii raafaman*;
8 funyaan isaa keessaa aarri in yaa'e, afaan isaa keessaas ibiddi xaph godhu in ba'e; barbadaan giimiin isa biraa in boba'e*.
9 Inni bantiiwwan waaqaa gugguufsisee gad bu'e, duumessi gurraachi dukkanaa'aan miillan isaa jala ture.
10 Inni Kiruub irra taa'ee in balali'e, baalleewwan qilleensaatiinis shuf jedhee dhufe*;
11 naanna'aa isaa dukkanni akka golgu godhe, duumessa dukkanaa'aa bishaan keessa guutes godoo isaa in godhate.
12 Calaqqisa fuula isaa dura jiru keessaa immoo, dhagoonni cabbii fi barbadaan ibiddaa, tarsaasanii duumessicha keessa in ba'an.[49]
13 Waaqayyo bantiiwwan waaqaa keessaa kakawweessa'e, aabba inni hundumaa gara irraa jirus [dhagoota cabbii fi barbadaa ibiddaatiin] sagalee isaa in dhageessise;
14 inni xiyya isaa gad dhiisee diinota bittimse, balaqqeessa bakakkaatiinis gara itti goran isaan in wallaalchise.
15 Dheekkamsa keetiin yaa Waaqayyo, rukuttaa aara funyaan kee keessaa ba'etiinis, maniin bishaanotaa in mul'atan, hundeewwan biyya lafaas qullaatti in baafaman*.[50]
16 Inni ol gara irraadhaa gad hiixatee na qabe, bishaan gurguddaa keessaa harkisee na baase*;
17 inni harka diina koo isa jabaa, akkasumas harka warra na jibbanii humnas na caalanii na oolche.
18 Yeroo rakkinni ana irra ga'etti isaan ana irratti lafa dha'an, Waaqayyo garuu irkoo koo ture;
19 inni gara iddoo bal'aatti na baasee, waan anatti gammadeef na oolche.[51]
20 Waaqayyo akka qajeelummaa kootti kana anaaf godhe, akka qulqullina harka koottis dugda anaaf deebise.
21 Ani karaa Waaqayyoo duukaa bu'eera; jal'inaanis Waaqayyo koottii gargar hin baane.
22 Wanti isa duratti qajeelaa ta'an hundinuu fuula koo dura turan, seerrata isaa hundumaas of irraa hin butne.
23 Ani balleessaa maleen isaa wajjin ture yakka hojjechuuttiis of nan eeggadhe.
24 Waaqayyo immoo akka ani qajeelaa ta'e mul'adhetti, akka harki koo ija isaa duratti qulqulluu ta'ee argamettis, dugda anaaf in deebise.
25 Nama gaarummaa argisiisutti, atis gaarummaa in argisiifta; nama hin balleessinetti, atis itti hin balleessitu.
26 Isa of qulleessutti, ati ofii keetii qulqullaa'aa ta'uu kee in mul'ifta, nama micciiramaa immoo akka micciiramummaa isaatti qabuu kee itti in mul'ifta.
27 Ati saba gad qabamaa in oolchita, warra mataa irra-keessa qabatanii adeeman immoo, lafa in ilaalchifta*.
28 Yaa Waaqayyo, ibsaan koo haleelee akka ifu in goota, yaa Waaqayyo gooftaa ko, dukkana koo in ibsita*.
29 Eyyee, ani siin kutata loltuu diinaatti nan bu'a, Waaqayyo kootiin gelaa irra iyyuu nan utaala.[52]
30 Waaqayyo kun karaan isaa mudaa hin qabu, dubbiin isaa dhugaa ta'uu isaa amansiiseera; Waaqayyo warra isatti kooluu galan hundumaaf gaachana*.
31 Goofticha malee Waaqayyo eenyu ree? Waaqayyo keenya malees kattaa jabaan eenyu ree*?
32 Waaqayyo kun, isa mudhii koo humnaan hidhachiisee isa karaan koo mudaa akka hin qabaanne godhee dha;
33 miilla koo ariifataa akka miilla biichee anaaf godhe kaarra gubbaas ana dhaabachiise;
34 irreen koo iddaa sibiila diimaa akka dabsutti, inni harka koo lola in barsiise.[53]
35 Gargaarsa kee gaachana gootee anaaf laatte, harki kee mirgaas ana in hirkise; anatti gad dhi'aachuun kees na guddise.
36 Tarkaanfii miilla kootiif na jalatti iddoo bal'aa anaaf laatte, gulubiin koos ana jala gara hin galle;
37 ani diinota koo ari'ee isaan nan qaqqabe, hamma isaan dhumanittis ani gara booddeetti hin deebine.
38 Akka isaan deebi'anii hin kaanetti immoo, ani rukutee isaan nan caccabse, isaanis miilla koo jalatti in kufan.
39 Ati lola sanaaf mudhii koo humnaan hidhachiifteetta, warri ana irratti ka'anis na jalatti akka gombifaman in goote.
40 Ati diinonni koo dugda duuba deebi'anii akka na baqatan goote, ani immoo warra na jibban nan balleesse.
41 Isaan gargaarsaaf iyyan, garuu tokko illee kan isaan gargaaru hin turre, gara Waaqayyootti iyyan, inni garuu isaaniif hin deebifne.
42 Akka awwaara qilleensi fudhatutti ani caccabsee isaan nan bulleessa, akka dhoqqees karaa keessatti isaan nan dhooba.
43 Ati saba wal lolu keessaa na baaftee, saba warra kaaniif mataa akkan ta'u gooteetta; namoonni saba ani hin beeknees anaaf in hojjetan.
44 Waa'ee koo gurrumaan dhaga'uudhaan anaaf abboomaman, warri ormaas gugguufaa gara koo in dhufan;
45 ijoolleen ormaa in dadhaban, rom'aas iddoo cufatanii taa'an keessaa ba'an*.[54]
46 Waaqayyo jiraataa dha! Kattaan koos jajamaa dha! Waaqayyo fayyina kootiis ol ol haa qabamu!
47 Waaqayyo inni ijaa baasuu anaaf kenne, saba lafa irraas harka koo jala galche;
48 harka diinota kootii keessaa immoo na baase; eyyee, ati warra ana irratti ka'an gara irraatti, ol na qabdeetta, namoota humna anatti argisiisan harkaas na butatteetta.
49 Kanaaf yaa Waaqayyo, ani saba hundumaa keessatti sin jajadha, faarfannaa galataatiinis maqaa kee nan faarfadha*.
50 Mootii isa kan isaatiif fayyina guddaa isa kennu, gaarummaa isaa isa ofii isaatii dibetti, Daawitii fi sanyii isaattis bara baraan isa argisiisu, Waaqayyoon faarfachuu koo ti*.[55]
Bible Society of Ethiopia