MACAAFA FAARFANNAA 19:1-14 GAZB1997 - Bible AI

1Bantiiwwan waaqaa ulfina Waaqayyoo himaa jiru, wanti bantii waaqaa jalaan mul'atus hojii harka isaa in labsa*.

2Guyyaan guyyaa isatti aanutti kana in dabarsa, halkanis halkan isatti aanutti waa'ee kanaa in beeksisa.

3Isa kanaaf jechi, dubbiinis hin jiru, sagaleen isaaniis hin dhaga'amu;

4haa ta'u iyyuu malee, wanti isaan dabarsan guutummaa biyya lafaatti in ba'e; wanti isaan himanis andaara lafaa in ga'e; gooftichi achi bantii waaqaa keessatti biiftuudhaaf godoo in dhaabe*.

5Isheen akka dhirsa misirroo diinqa isaatii ba'utti in baati; akka nama jagnaattis adeemsa ishee raawwachuutti in gammaddi.

6Andaara bantii waaqaa isa gara tokkootii baatee, naannoftee andaara isaa isa gara kaaniitti in lixi; ifa ishee isa gubaa duraa kan dhokatus hin jiru.[56]

7Seerri Waaqayyoo guutuu dha, lubbuu namatti in deebisa; wanti seerri Waaqayyoo dhugaa ba'u amanamaa dha, inni wallaalota iyyuu beektota in godha.

8Ajaji Waaqayyoo qajeelaa dha, garaa namaa in gammachiisa; abboommiin Waaqayyoo qulqulluu dha, ija namaa in ibsa.

9Waaqayyoon sodaachuun yaada qullaa'aa dha, bara baraan jabaatee in dhaabata; akka namni ittiin geggeeffamuuf wanti Waaqayyo kennu dhugaa dha, guutummaan isaas qajeelaa dha.

10Inni Waaqayyo kennu kun warqee caalaatti, warqee baqfamee qullaa'e baay'ee caalaattis, ilaalamuun kan ta'uu dha; damma caalaa, nadhii dhaaba dammaa keessaa coccophu caalaas in miyaa'a.

11Garbichi kee isaan in gorfama; namni isa eegus bu'aa guddaa qaba.

12Wanta utuu hin beekin irraa kaate eenyutu hubachuu danda'a ree? Balleessaa koo isa na duraa dhokate kana anatti hin ilaalin*![57]

13Waan of gad dhiisuudhaan hojjetan irraas garbicha kee eegi; wanti kun ana irratti hin mo'in! Yoos hir'inni ana irratti hin argamu; xurii cubbuu guddaa irraas nan oola*.

14Yaa Waaqayyo kattaa koo fi furii ko, wanti ani si duratti afaan kootiin dubbadhu, garaa koottis yaadu fudhatamaa anaaf haa ta'u![58]

ticle>